Jump to content

Pilaankitoonii

Wikipedia irraa
Ololokoo

Ololokoo ykn cololi'oo(Afaan ingliziin: Plankton) jedhu micirjirtiwwan (orgaanizimoota) bishaan galaanaa akkasumas bishaan qulqulluu keessatti argaman hundaaf kan oolu yoo ta’u, isaanis kan hin sochii fi faallaa dambalii bishaanii daakuu kan hin dandeenyedha. Isaanis dambalii bishaaniitiin ni bololiyuu. Pilaankitooniin walitti qabaatti orgaanizimoota akka baakteeriyaa, saaphaphuu, kirustaashiyaanii, pirootozoowaanota, koeleentereetotaa fi moluskii fi miseensota murna biroo irraas dhufan agarsiisuuf itti fayyadama.

Pilaankitonoonni guddinaan baay’ee garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, 0.2  𝝁m irraa hanga 20 cm ol ta’u. Baakteeriyaa shifargaa jalaatti  argamuu irraa kaasee hanga orgaanizimoota gurguddoo kan akka Qurxummii dhonoqaa

Raabsiin isaanii ifaafi soorataa argamuun garaagarummaa qaba

Orgaanizimoonni bishaan keessa jiraatan gurguddoon pilaankitonoota irratti kan hirkatan yoo ta’u, isaan sooratu. Sirna ikoo keessatti gahee guddaa qabu. Faayitoopilaankitoon oksijiinii waliigalaa (O2) footosinteesiin ykn Jaarifaan uumamu keessaa %50 qaba.

Jechii "plankton" jedhuu jecha afaan girikii "πλανάω planáō" hikkaan isaas "ololokuu" jechuudha.

Gosoota Ololokoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Pilaankitonoonni marsaa jireenyaa, guddinaa fi gulantaa sorataan irratti hundaa’uun ramadamu.

  1. Bu’uura marsaa jireenyaatiin pilaankitoon akka armaan gadiitti ramadamu: Hooloopilaankitoon – Orgaanizimoota, kanneen umurii isaanii guutuu bifa pilaankitoonikii ta’anii hafan, fkn. saaphaphuu, Qurxummii dhoqonee fi kkf. Meeroopilankitoon – Orgaanizimoota, kanneen marsaa jireenya isaanii keessatti sadarkaa jireenya tokkoo qofa irratti akka pilaankitooniitti jiraataniidha, fkn. Jiissaa Qurxumurjii, raammoo, xaddee galaanaa, qurxummii fi kkf.
  2. guddinaatiirratti hundaa'uun pilaankitonoonni akka armaan gadiitti ramadamu: Meegaapilaankitoon(ololokoobojaa) – hammii isaanii > 20 cm  dha, fkn. Jellyfish, tunicates pyrosomes fi kkf. Maakroopilaankitoon(ololokooguddicha) – guddinni isaanii seentimeetira 2 hanga 20 gidduutti argama Mesoplankton(ololokoowalakkee) – orgaanizimoota guddina mm 0.2 hanga 20 qaban of keessatti qabata Maaykiroopilaankitoon(ololokooxinnicha) – guddinni isaanii 20 hanga 200 tti garaagarummaa qaba, fkn. irra caalaan isaanii faayitoopilaankitoon, pirootozoowaanotaa fi pirootiistota gurguddoodha Naanoopilaankitoon – guddinni 2 hanga 20 m, fkn. pirootistii, diyaatoomii fi algee Piikoopilaankitoon – guddinni 0.2 hanga 2 x gidduutti argama, fkn. baakteeriyaa, kirisoofaayitii Femtoplankton – vaayirasoota galaanaa guddina < 0.2 x qaban of keessatti qabata
  3. Glantaa sorataa fi amala irratti hundaa'uun adda addaatiin pilaankitonoonni akka armaan gadiitti ramadamu: Faayitoopilaankitoonii(Biqilololoka) – Isaanis awutootiroofii ykn qopheesitoota, fkn. saayinoobaakteeriyaa, saaphaphuu, diyaatoomii, daayinooflaajeeleetii fi kkf. Zuupilaankitoonii(Nefkololoka) – Fayyadamtoota jalqabaa kan hammatu yoo ta’u, isaanis pilaankitoon biroo sooratu, fkn. pirootozowaa xixiqqoo, larva qurxummii fi bineensota biroo Maaykoplaankitoonii(Marqoololokoo) – Faangasiwwan of keessatti qabata Baakteeriyoopilaankitoonii(Baakteeriyoololokoo) – Baakteeriyaa kan of keessatti hammate yoo ta’u, soorata deebi’ee fayyadamuuf barbaachisaa dha Viriopilaankitoonii(Vaayroololokoo) – vaayirasii of keessatti qabata Soormakaa(Mixotroph) – Akkaataa haala naannootti akka qqopheesitooa fi sorattoootaa hojjetu. Yeroo ifni baay’ee fi soorata argamu footosinteesii kan raawwatan yoo ta’u sooranni daangeffame yoo hin jiraanne pilaankitoonii akka sorattootatti jiraatu

Gahee Ololokoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Pilaankitonoonni sirna ikoo keessatti gahee guddaa qabu.

Akka qopheesitootatti, hamma waliigalaa oksijiinii yeroo footosinteesii uumame keessaa walakkaa ta’u oomishuu

guurtuu qurxummii ykn kiloobnii nyaata qurxummiitiif pilaankitoonii  fayyadamuu

Faayitoopilaankitonoonni imala hawaa keessatti akka madda nyaataatti akkasumas kaarboon daayi’oksaayidii qabachuuf fayyadamu. Kilooreelaan akka dabalata pirootiiniitti fayyadama

Soorata deebi’anii fayyadamuu keessatti gahee olaanaa qabu. Orgaanikiin du’ee fi manca’aa jiru biqiltootaaf gara soorata inorganik ta’etti jijjiiramuu danda’a

Gosoonni tokko tokko naayitiroojiinii qilleensa bulbulame gara ammooniyaa fi naayitreetiitti sirreessuu danda’u, kunis guddina faayitoopilaankitooniif faayidaa qaba

Madaallii kaarboon daayi’oksaayidii fi oksijiinii eeguuf faayitoopilaankitoon fi zoopilaankitoon barbaachisu. Fudhatamni CO2 galaana tokkoo guddina faayitoopilaankitoonikiitiin dabaluu danda’a

Pilaanktoonoonni baayooluminiissantii galaana keessatti ifa bifa diimaatiin akka balaqqeessa’uuf itti gaafatamummaa qabu. Yeroo soorata baay’een jirutti, daayinooflaajilaatonni seelii tokko qaban saffisaan baay’achuu fi daraaraa akka fidan beekamaadha. Summii kan uumuu fi qurxummii fi lubbu qabeeyyii biroo qurxummii nyaataniif miidhaa geessisu. Isaanis bishaan diimaa fiduun isaanii beekamaadha.