Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 44

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafota Seeraa
(Pentatuech)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara mataa isa
nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


1) Seensa …………………………………………………………………………………… 3
Kutaa Tokko
2) Hirama Macaafa Kakuu Moofaa ……………………………………………………... 4
Kutaa Lama
3) Seera Uumamaa (Genesis) …………………………………………………………….. 6
Kutaa Sadii
4) Seera Ba’uu (Exodus) ………………………………………………………………… 15
Kutaa Afur
5) 3) Seera Lewwootaa (Leviticus) …………………...………………………………… 23
Kutaa Shan
6) Seera Lakkoofsaa (Numbers) ………………………………………………………… 32
Kutaa Jaha
7) Seera Keessa Deebii (Deuteronomy) ………………………………………………… 38
8) Guduunfaa (Conclusion) ……………………………………………………………... 44
9) Kitaabilee Wabii (References) ………………………………………………………. 44

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introduction)
Barumsa kana keessatti waa’ee “Kitaaboota Seeraa” Ykn Afaan Girikiitiin isaan “Pentatuech”
jedhamuun beekaman ilaalla. Qo’annoo keenya kana keessatti, kakuu moofaa keessatti
Macaafota Saeeraa jedhamuun kanneen beekamaniin seera Waaqayyoo hubachuuf yaalla. Isaanis
Macaafa qulqulluu keessatti macaafota shanan jalqaba irratti argamanii dha. Isaan kunis kan itti
aananii dha.

 Seera Uumamaa (Genesis)


 Seera Ba’uu (Exodus)
 Seera Leewwotaa (Leviticus
 Seera Lakkoofsaa (Numbers)
 Keessa Deebii (Deuteroniomy) jedhamuun waammamu.

Kanneen kun macaafota Musee ykn Seerota Muse jedhamuun Yihuudota biratti beekamu (2
Seena 25:4, Izra 6:18, Neh 13:1, 8:1) .

Kun seera ykn ajaja jechuu yoo ta’u Afaan Ibiraayisxiin (Torah) jecha jedhamu irraa kan
fudhatame dha (Luq 16:17, 1Qor 9:8) .

 Macaafonni shanan kunniin jalqaba irratti akka mucaafa tokkootti kan ilaalamanii dha
 Afaan Girikiin Pentaatuach jechuun macaafota shan jechuu dha

Macaafonni shanan kun tokkoo tokkoon isaanii sadarkaa garaa garaan Waaqayyoo saba isaaf
kaayyoo inni qabu kan dubbatan ta’u iyyuu tokkummaa macaafota qaban dha.

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Tokko

Hirama Macaafa Kakuu Moofaa

I. Macaafonni Yihuudotaa hirama 24 yoo ta’u bakka 5tti hiru.

a. Shanan Macaafota Musee (Pentateuch)

* Uumama

* Ba’uu

* Leewwota

* Lakkoofsa

* Keessa deebii

b. Macaafota Raajii (Macaafota saddeet)

* Iyyaasuu

* Abboota Firdii Raajota Dursaa

* Saamu’el

* Moota

 Isaayaas
 Ermiyaas Raajota warra boodaa
 Hisqiyaas
 Raajoota 12

c. Walaloo Macaafota qabatan (Macaafota sadii)

 Faarsaa Daawit
 Fakkeenya
4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Iyyoob

d. Barreeffama /barruu (macaafota shan)

 Weedduu weeddotaa
 Ruut
 Faaruu Ermiyaas
 Lallaba
 Asteer

e. Macaafota seenaa (macaafota sadii)

 Daani’el
 Izraa – Neehimiyaa
 Seenaa
II. Hirama Macaafa warra Piroteestaantotaa bakka Afuritti kan hirama

1. Macaafota seeraa (pentatuach) :- Uumamaa – Keessa Deebii

2. Macaafota seenaa (macaafota kudha lama):- Iyyaasuu – Asteer

3. Macaafota haalaan dubbii:- Iyyoobii – Weedduu Weeddotaa

4. Macaafota Raajii

a. Raajota gurguddoo:- Isaayaasii - Daani’el

b. Raajota xixiqqa:- Hosee – Raajii Milkiiyaas

* Hirama akkasiitti yeroo ammaa kana addunyaa marti kan itti fayyadamu yoo ta’u, hiramni
warra yihuudotaa adda kan ta’u qabiyyee isaa irratti osoo hin taane, haala qoodama isaan. Itti
fufuun hiikaa macaafota kanneen jireenya keenyaaf faayidaa isaan qaban waliin ilaalla.

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Lama

Seera Uumamaa (Genesis)

Jalqaba Uumamaa fi jalqaba saba Israa’el

 Seerri Uumamaa shanan macaafota seeraa keessaa tokko yemmu ta’u, maqaa isaas
kan argate “angafa” ykn isa jalqabaa kan jedhu irraa ti.
 Macaafichi Waaqayyoo isa jalqabaa (aalfaa) fi isa dhumaa (oomeegaa) akka ta’e fi
jalqaba akka hin qabne, uumamni biraa garuu jalqaba akka qaban ibsa. Jechuun:
 Jalqaba warra lubbuu qabanii
 Seera gaa’elaa jalqabii isaa (maatii)
 Cubbuu dhalootaa
 Jalqaba abaarsaa hunda in seenessa
 Seera uumamaa 2:4, “Seenaan uumamuu Waaqaa fi lafaa akka kutaa ijoo
Macaafichaati kana ture.”

Barreessaa Macaafa Seera Uumamaa

 Waa’ee barreessaa macaafa kanaa yaadolee baay’etu kennama, kanneen keessaa kan
itti aanan argamu:

a. Seera uumamaa keessatti maqaa Musee waan hin argineef Keessa Deebii 34
irratti waa’ee du’a Musee waan dubbatuuf Macaafota shanan kana Museen hin
barreesine mormiin jedhu ka’a.

b. Odeeffannoo Macaafa Qulqulluu fi seenaa irraa, baroota durii amala ibirootaa


irraa yemmuu hubannu Museen Macaafota seeraa shanan barreessuu isaa in
hubanna.

Macaafota shanan Museen caafeera warri jedhan odeeffannoo isaan dhi’eessan :

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Seenaan Macaafa Seera Uumamaa osoo Museen hin dhalatin dura, waggoota 300 dura kan
raawwatame yoo ta’u,

 Kanas Waaqayyoo kalleetiimaan odeeffannoo isaa Museef mul’iseera.


 Yookiins biyya Gibxii fi filisxeem odeeffannoo galmeen kaa’an keessaa akka
fudhatetti tilmaama (Amo 3:7).
 Museen hojii barreeffamaa akka hojjetaa ture macaafa qulqulluu keessaa dubbifna

(Bau 34:27, kess 6:9, Iya 8:32 )

2. Seera Uumamaa hanga Keessa Deebiitti Yihuudonni Macaafota Muse ykn (pentatuach) jedhu

- Macaafota seeraa jechuun waamuun yihuudotaa museen akka caafe wabii ta’a jedhama.

3. Macaafotaa seeraa haalli barreeffama isaanii fi walfakkiin isaan qaban, akkasumas


tokkummaan isaan

gidduu jiru Museen akka caafe agarsiisa.

Fakkeenyaaf: Seerri Ba’uu gabaasa isaa kan jalqabu Seera Uumamaa 50 irraati (50:22, Ba’u
1:7)

4. Macaafotni kunniin mataa isaanii waa’ee barreessichaa (Musee akka ta’e) dubbatu (Ba’u
17:14, 24:4, Lakk 33: 1- 2)

5. Macaafonni Kakuu Moofaa biroon Museen akka caafe ibsu (Iya 1:7-8, 8:32-34, 1mot 13:2)

6. Macaafonni Kakuu Haarraa Macaafonni Seeraa kan Musee ta’uu ibsu (Luq 24:27, Yoh 7:19,
Mat 19:8, Mar 12:26)

7. Museen akka caafe wabiileen ijaa turaniiru (Ba’u 15:27, Lakk 1:31)

8. Waa’ee warra Gibxii

a. Maqoolee fi Jechoota
b. Aadaan keessatti calaqqisuun Museen akka barreesse ibsa (Uum 40:9-11, 41, 43, 46, 50)

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Bakka itti macaafonni seeraa barreeffaman

Museen walumaagalatti waggoota 120 akka jiraate ,Kes Deb 34:7 ,dubbatama .

1. Waggoota 40 warra jalqabaa

* 1525 – 1485 Dh.K.D mana Fari’oonitti (Hoe 7:22)

2. Waggoota 40

* 1485 – 1445 biyya Miidiyaamitti hoolaa tiksaa (Ba’u 2:15)

3. Waggoota 40

* 1445 – 1405 Israa’eloota biyya gibxii yemmuu baasu, bakkee onnaa keessatti dabarse

Egaan museen baroota saba Israa’el geggeessaa turetti macaafota kanneen caafeera jedhamee
yaadama .

Kaayyoo Macaafa seera Uumamaa

1. Waaqayyo cubbuu malee jalqaba waan hundaa ta’uu agarsiisuu

2. Uumaa uumama, dhala namaa kan uume, maatii kan uume, burqaa Israa’elootaa ta’uu
agarsiisuu dha.

(Isa 51:2)

Kaayyoo gooree

 Uumuu Waaqayyoo ibsuuf


 Bareedinni uumamaa cubbuu irraa kan ka’e akkaniitti baduu akka danda’e hubachiisuuf
 Waaqayyo cubbuun biyya boorofte qomoo Abrahaamiin akkamitti eebbisuu akka jalqabe
 Dubartiittii fi boficha gidduu diinummaa jiruu Masiihichi akkamitti akka ibsu agarsiisuu
 Seenaa fi bareeffamoota afuuraa kan biroof bu’uura
 Ka’umsa saba ibirootaa agarsiisuuf Uum 12.

8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seera Uumamaa keessatti namoota gurguddoo torbaa fi ergaa isaanii

1. Abeel – Aarsaa Waaqayyoof dhi’eessuun beekame

2. Heenok – Adeemsa isaa Waaqayyoo wajjin waan godhateef du’a hin argine

3. Nohi – biyya cubbuun guutte keessatti Waaqayyoof ajajame, fayyes.

4. Abrahaam – Waaqayyoon amanee sabaa fi maatii isaa dhiisee ba’e, dhala namaafis eebba ta’e.

5. Yishaaq – Waaqayyo waaqa eebbaa ta’uu yaadee burqaa isaa amannaan qotuu

6. Yaaqoob – ulfina Waaqayyoo nama arge dha

7. Yooseef – cubbuu kan jibbu nama dhugaa Waaqayyoo

Seera Uumamaa keessatti Iddoowwan ijoo ta’an

 Tulluu Araaraat: Uum 8:4


 Waaqayyo biyya lafaa bishaan badiisaan erga adabee booda markabni Nohi kan irra
qubatte
 Baabiloon: Uma 11:8 – 9
 Afaan Namoota bakka itti Waaqayyo waliin make
 Ur -biyya kaldootaa Um 11:28
 Bakka itti Abrahaam dhalatee guddata
 Kaaraan -Um 11:31
 Taaraan, Abraam, Looxif saaraayin kana’aan deemuuf yemmuu ka’an bakka
buufatanii dha
 Seekam
 Kebroon um 13:18
 Bakka Abraam dunkaana isaa buufate
 Abraam, Yisaaq fi Yaaqoob jiraatanii bakka itti du’aa
 Bersheebaa: Um 13:31

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Mootii Abemeelikii fi Abraam giddutti kaka ta’ee akka jiraatuufi bolla bishaanii
qotame dha
 Kakuu Waaqayyo bakka itti dabarse dha.
 Bet’el - Um 28:19
 Waaqayyo yaaqoobitti abjuun mul’atee kakuu Abrahaamii fi yisaaf bakka itti dabarse
 Gibxi – Um 46:34
 Yooseef gurguramee deemee saba Israa’el beela bakka itti oolche dha

Taa’umsa Macaafa Seera Uumamaa

 Macaafa seera Uumamaa bakka Afuritti qooduun qabiyyee gurguuddoo keessa jiran
hubachuun in dandaa’ama.

1. Addaamii hanga Nohitti seenaa jiru (Uum 1-11)

a. Uumama

* Jalqaba kan jedhu yoom akka ta’e hin beekamu

* Waaqayyo jalqaba kan hin qabnee fi uumaa waan hundaa ta’usaa ibsa.

b. Kufaatii

 Bifa Waaqaatiin namni uumame, uumaa Waaqayyoo hundaa olitti bakka olaanaa qaba
ture.
 Namni kun Waaqayyoof ajajamuu dhiisuun kufaatiin hundumarratti fide.

c. Bishaan Badiisaa

 Balleessaan namootaa biyya lafaa irratti hadada baay’achaa dhufeen Waaqayyo


bishaaniin balleesse.
 Bishaan badiisaa irraa kan oolan Nohii fi maatii isaa qofa turan.
 Bishaan badiisaan booda Waaqayyo Nohii wajjin waadaa gale (um 9:8)

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Uuma 1-11 tti baroota jiran tilmaamuun hin dandaa’amu ;hin barbaachisus.

 Umrii lafaa ilaalchisee tilmaamni kenname rakkoo bal’aa waan qabuuf (Biiliyoonaa
2-10)
 Kaayyoon seera uumamaa umrii lafaa beeksisuuf waan hin taaneef

2. Maatii Abirahaam keessa seenaa jiru (12-25)

a. Waamamuu Abrahaam : Waaqayyo Abrahaamiin tajaajilaa akka ta’uuf adda baasa

b. badiisa Sodoom – seenaan biyya lafaa barreeffamuu kan eegale 3500-3000 Dh.K.D
biyya

Gibxii Mesiphexoomiyaa keessatti yeroo barreeffamni babal’ataa turetti dha.

c. Abrahaam mucaa isaa aarsaa gochuuf dhi’eessuu

* Barri Abrahaam hanga Seera Uumamaa 50 tti waggota 300 akka ta’etti
tilmaamama

* Barris sirrii tti tilmaamuu kan jalqaba bara Abrahaamii kaaseeti

3. Maatii Yisaaq keessatti seenaa jiru (26 – 36)

* Abrahaam nama waggaa 175 ta’ee du’e

* Yeroo Yisaaq dhalatu Abrahaam nama waggaal 1oo ture

* Ijoolleen Yisaaq Yaaqoobii fi Esawu turan

4. Maatii Yaaqob keessa Adeemsa seenaa jiru: Uum 37-50

* Yaaqoob ijoollee 12 qabature, Abbootii gosaa kan ta’anis isaan kana.

* Obboloota isaatiin kan gurgurame Yooseef, boqonnaa isaan itti baay’atan qabata

* Yaaqoob waggaa 147 saatti biyya Gibxitti du’e

11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Yooseef Waggaa 110 Gibxitti du’e

Macaafni seera Uumamaa yemmuun ilaalamu

Macaafni seera Uumamaa macaafota biroo qo’achuuf beekumsa bu’uuraa kan buusu dha

 Jalqaba wantoota hundaa as irratti waan argannuuf, mul’ata Waaqayyo gara namootaa
fides bu’uura kana irratti hubatameera

Fakkeenyaaf: Addaan – Uumamuun Uum 1:26

Qaayel – dhalachuun Uum 4:1

Abeel – du’uun Uum 4: 8

Heenok – osoo hin du’in olfudhatamuun, macaafni kun namoota jalqabaa


kanneen

gabaaseera (Uum 5:24)

* Biyyi lafaa qaroomuu kutaa itti mul’ate dha: Um 4:17

* Gaa’el inni jalqabaa kan itti caafame dha Uum 2:23 – 25

* Waa’een Masihii kakuun inni jalqabaa kan itti dubbatame dha Uum 3:15

* Jalqabni Cubbuu kutaa itti argame dha Uum 3:1-9

* Gatiin cubbuus akka ba’u abdiin kutaa itti kennamedha Uum 3:15

* Hamminni dabaluu fi bishaan badiisaa kutaa itti ife dha Uum 6

* Saba israa’eliif karaa Abraahaam abdiin gallameef macaafa ibsu dha Uum 12:1-3, 15:18-21

Seera Uumamaa keessatti lakkoofsa baraa

1. Uumama 1 -11 bara hin beekamne

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Waamamuu Abrahaam – Naannoo 2000 Dh.K.D.

3. Yooseef gara biyya Gibxii deemuu – 1875 Dh.K.D.

4. Uumama boqonnaa 50 – 1700 Dh. K.D.

Kakuu Waaqayyo Seera Uumamaa keessatti dhaabe

1. Kakuu inni bakkee Edenitti godhe Uum 1:28-30, 2:15-17

2. Addaamii wajjin kakuu inni godhe Um 3:15

3. Nohii wajjin kakuu inni godhe Uum 8:20 -22, 9: 1-7

4. Abrahaamii wajjin kakuu inni godhe Uum 12:1-2, 13:14 -17, 15:1-8, 17:1-8

Qoodama Macaafa Seera Uumamaa

 Macaafa Seera uumamaa karaa adda addaa qooduun qo’achuun in dandaa’ama


 Kallattii kamiiniyyuu macaafa kana yoo qo’anne dhugaa baay’ee irraa hubachuu
dandeenya

1. Hirmaatoota keessa jiraniin yemmuu qoodamu

* Uum 1 – Waaqayoo

* Uum 2-5 – Addaanm, Hewwaan, Seexana

* Uuma 6-10- Nohi

* Uuma 11 – 23 – Abrahaam

* Uuma 24 -27 – Yisihaaq

* Uuma 28 – 38 – Yaaqoob

* Uum 36 – Esaawu

13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Uuma 37 -50 – Yooseef

2. Taateewwan garaagaraa irratti hundaa’uun yemmuu qoodamu

* Uuma 1-2 – Seera uumamaa

* Uuma 3 -5 – Kufaatii Namaaf lammata waajamuu

* Uuma 5 – 9 – bishaan badiisaa

* Uuma 10-11 – Masaraa Baabiloon

* Uuma 12 – 38 – Waamicha Abraaham

* Uuma 39 – 50 – Israa’elonni biyya Gibxii dhaquu

3. Bakkaan yemmuu qoodamu

* Uma 1 – samii

* Uma 2 – 3 – Gannata eden

* Uuma 4 – 11 – Mesephexoomiyaa, suumeriyaan

* Uma 12 – 31 – Kana’aanii fi Gibxi

* Uma 32 -38 – Kana’aan

* Uma 39 – 50 – Gibxi

4. Baraan yemmuu qoodamu

* Uuma 1-11- Abbootii Yihuudotaa dura kan ture

* Uma 12 -50 bara Abbootii Amantaa Yihuudotaa,

5. Aadaan yemmuu qoodamu

* Uuma 1-38 – Aadaa Mesephexoomiyaa


14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Uma 39-50 Aadaa Gibxii

Adeemsa buufata Waaqeffanaa seera Uumamaa keessatti

 Seera Uumamaa
 Saba guddaa
 Lafa Abdii
 Dhaalmaa fi Abdii abbootii
 Masihii fi dhugaa dubbii giddu galeessaa

Seera Uumamaa irraa maal barra?

1. Waaqayyo uumaa waan hundaa ta’uu – uma 1

2. Waaqayyo maatii kan dhaabe ta’uu – uma 2

3. Cubbuun ajajamuu dhabuun, adabbii akka fidu Uma 3, 4

4. Waaqayyo abbaan nama tokko waamee saba gochuu Uma 12-50

5. Waaqayyo jireenya nama dhuunfaa keessatti illee kaayyoo akka qabu: Fakkeenya :
Abraahaam, Yooseef.

Kutaa Sadii

Seera Ba’uu (Exodus)

Ba’uu Sabni Waaqayyoo Garbummaa jalaa birmadduutti ba’uu

Ba’uu – Afaan Girikii “Exodus” kan jedhu dha

- Afaan Ingiliziitiins “Exodus” jedhama

- Afaan Gi’iiziin hiikamuu ykn gad dhiifamuu hiika jedhu qaba Luq 31, Ib 11:22

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Seera Uumamaa kaasee hanga seera ba’uutti seenaan kan itti fufu yoo ta’u, seenaan saba
israa’el, barri

baay’een macaafota kana keessatti haa darbu malee, itti fufa

* Maatiin Yaaqoob, karaa Yooseef biyya Gibxii yemmuu deeman lakkoofsi isaanii 70 yoo ta’u,
Gibxii

yemmuu ba’anitti garaa gara Miliiyoona 1.5 – 2 akka gahan tilmaama.

* Israa’elonni bara isaanitti Gibxii bahan sirriitti kaa’uun hin dandaa’amine iyyuu naannoo bara
1400

Dh.K.D. akka ta’e baay’een itti walii galu.

* Israa’eloonni waggaa 430 fi biyya Gibxii garbummaa jala turaniiru (Uma 12:41)

Barreessaa Seera Ba’uu

* Museen bara 1445 Dh.K.D. akka caafetti odeeffannoon keessaa fi alaa mul’isu a Bau 17:14,
24:4,

Isa 8, Mar 7:10

* Bara 1445 Dh.K.D. akka caafame odeeffannoo keessaa fi alaa

1. Yaaqoob maatii isaa fudhatee gara Gibxii ga’e bara 1875 Dh.K.D. Yoo ta’u, bara isaan
achi tura waggaa 430 dha (Bau 12:40, Gal 3:17)

Kanaaf as irraa ka’uun 1875 – 430 = 1445 akka ta’e ibsa jechuu dha

2. Manni Qulqullummaa Solomoon kan jalqabe bara 965 Dh.K.D yoo ta’u, seera Ba’uu
hanga mootataatti yemmuu lakkaa’amu waggoota 480 dha. Kanaafuu Gibxii erga bahanii 965 +
480 = 1445 ta’a (1Mot 6:1).

16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kaayyoo Seerri Ba’uu Barreeffameef:

1. Seera Uumamaa keessatti seenaan jalqabame macaafota seeraa biroo waliin wal qabsiisuuf

2. Birmaduu Israa’elotaa Gibxii ba’uu isaanii qabaasuuf

3. Waaqayyo seera kennuu isaa beeksisuuf (sadan seeraa ykn macaafota seeraa)

a. Seera Amalaa Ba’u 20:1-17

b. Seera bulchiinsa Uummataa Ba’u 21:1-23

c. Seera Waaqeffannaa Ba’u 345:40, Mat 5:7, Rome 10:4

4. Waaqayyo qulqulluu, amanamaa, kan dubbate kan raawwatu ta’uu beeksisuuf

5. Gooftaa seenaa birmaduu kan baasu, kadhannaa kan dhagahu ta’uu agarsiisuuf Bau 3

Jechoota ijoo seera Ba’uu

Ba’uu 3:7-10 “Yammuus Waaqayyo, gad qabaamuu sabakoo … argeera. Animootii Gibxiittisiin
erga, dhaqi saba koo Israa’elin biyya Gibxiitii baasi”

Musee Macaafa Seera Ba’uu keessatti

 Museen fakkaattii Yesuus yemmuu ta’u


 Macaafa Qulqulluu keessatti maqaan isaa yeroo 720 kan caqasame nama Waaqayyoo
ti
 Macaafni Seera Ba’uu, Seenaa Musee bakka gurguddoo sadiitti hira

1. Umrii isaa waggaa 40 (isa jalqabaa)

* Eenyummaa isaa yaadaa ofii isaa guddisee biyya Gibxii keessa yeroo itti
dabarse

2. Umrii isaa waggaa 40 (40 – 80)

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Biyya Miidiyamitti homaa akka hin taane of hubate (Ibr 11:23 – 29)

3. Umrii isaa (80 – 120)

* Waaqayyo nama dadhabaatti fayyadamu yeroo hubate dha

Waamamuu Musee

* Museen yeroo waamametti tajaajilaaf gahaa akka hin taane sababoota yemmuu kaa’uu fi akka
itti Waaqayyo deebii kennuuf argina.

* Sababoota Musee Deebii Waaqayyoo

1. Dandeettii hin qabu (Bau 3:11) 1. Anisi wajjinan ta’a Bau 4:12

2.Ergaa hin qabu (Bau 3:13) 2. Isa jiruufi isa jiraafaatu na erga jedhi
(Bau3:14)

3. Aboo hin qabu (Bau 4:1) 3. Harka kee keessa maaltujira? (3:14)

4. Dubbachuu hin danda’u (Bau 4: 10) 4. Ani Afaan kee waliinan ta’a 4:1

5. Namoota biroo ergi (4:13) 5. Ulee kee qabadhuu deemi 4:17

Qoodama Macaafa Seera Ba’uu

I. Amala Waaqayyoo fi walitti dhufeenya inni namootaa wajjin godhu

1. Maqaa fi Amala Waaqayyoo Ba’uu 3:13-15

“Kan jiruu fi kan jiraatu”

* Yaahiwwee maqaan jedhu ulfinni isaa akka ibsame argamuu isaa kan agarsiisuu dha

(Bau 3:6, 33:34)

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Xiyyeeffannoo

 Aarara (20:6)
 Qulqullummaa (Bau 3:2-5)
 Qajeelummaa (Bau 3:5)
 Amanamummaa (Bau 1:24 – 25, 3:6)
 Dhala namaaf barbaachisummaa isaa ibsuuf (Bau 5:1-18)
 Kanaafuu maqaa isaa beekuun gooftummaa isaa fi amala isaa beekuu dha.
 Abbaa seenaa, qulqullinaa fi ulfinaan akkasumas dinqii gochuun kan isa fakkatu akka
hin jirre agarsiisa (Bau 3:13-15, 15 : 11)

2. Namni, Waaqaa fi Nama biroo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu qabu.

a. seerri kennamuu (Bau 20:1-17)

b. Qajeelfama naamusaa (Bau 20:22-23)

c. Filatamuu Israa’elootaa Bau 19:5-6

3. Dunkaanni itti Waaqayyo ulfina isaa mul’isu bakka itti saba isaa wajjin ta’u dha (Bau 25-40)
Gidduu isaanitti argamuun

II. Hirama seera Ba’uu Barsiisa Bu’uuraa irratti

1. Waaqayyo hacuuccaa jalaa saba isaa baasuuf Musee qopheesse (1-4)

2. Waliin mormii Museen fi Fari’oon waliin godhee fi rukkuttaa Waaqayyoo (5-12)

Kaayyoo Dha’ichaa

o Fari’oon eenyummaa saba Waaqayyoo akka beekuuf


o Sabni Israa’elis eenyummaa Waaqayyoo beekanii akka beekanii Waaqessaniif.
o Waaqayyo Waaqa tolfamaa warra Gibxii irratti mo’icha qabaachuu isaa agarsiisuuf
o Waaqayyo waaqa dhugaa akka ta’e, waaqa tolfamaa Gibxi irra akka caalu mul’isuuf

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Dha’icha Waaqa tolfamoo Warra Gibxii irratti bu’e

* Warra Gibxii irratti dha’ichi bu’an 10 yoo ta’u,

 Warri ximbaartuu akkasuma gochuuf yeroo lamaaf yaalan


 Yeroo sadaffaa dha’ichi ta’u harka Waaqayyo akka ta’e ibsan Bau 8:9
 Yeroo afuraffaatti warri Gibxii humnaan dheekkama

Yeroo sagalaffaa irratti “Deemaa Waaqayyoon tajaajilaa” Jedhee sodaadhaan Musee fi


Aarooniin kadhate 10:24

Waggota 430 booda saba Israa’eliin harka garbummaa jalaa kan gad dhiise dha’icha 10ffaa booda
ture

1. Bishaan dhiigatti Geeddaruu Bau 7:20 – waaqa tolfamaa Naayil – ‘osiris’

2. Fatteen biyyichatti guutuu – Bau 8:6 – Waaqatolfamaa fattee – ‘Hekt’

3. Injiraan Gibxitti guutuu – Bau 8:17 – Waaqa Lafaa … “Seb”

4. Qarxaasaa … Bau 8:24 – Waaqa Lubbu qabeeyyii – Hatkok

5. Horiin dhukkubaan dhumuu … Bau 9:6-7 – Aarsaa Kormaa – ‘Apis’

6. Iiti Madaa’uu Namootaa Farihorii – Bau 9:10 – hafuura Budaa – ‘Typhon’

7. Cabbii ulfaataa .. Bau 9:24 – Waaqa qilleensaa – ‘shu’

8. Hawwaanisa … 10:13 Waaqa hawaannisaa ittisu – scrapia

9. Dukkana … 10:22 – Waaqa aduu – Ra

10. Inni Angafaa ajjeefamuu – 12:29 – waaqa hundumaa

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Israa’elonni osoo biyya Gibxii hin ba’in dura dha’ichi kun hundi warra Gibxii irratti kan
raawwatame yoo ta’u, bakkee Israa’eloonni buufatanii turan Gessam garuu dha’icha kanneen
hunda irraa Waaqayyoon eegamtee turte.

3. Adeemsa Israa’elota Gara Siinaati (12 – 15)

 Museen ergamaa Waaqayyoo ta’ee Fari’oon biratti kan deddeebi’e naannoo wagga tokko
ta’a jedhamee yaadama .
 Fari’oon mo’amee warri Israa’el biyya Gibxii yemmuu ba’an 600,000 miilaan kan
deeman dhiira dubartoonnii fi ijoolleen yemmuu itti dabalaman 1.5-2 million akka ta’an
tilmaamama (Bau 12: 37 -38)

Faasikaa: Israa’el dha’icha irraa akka haftuu fi garbummaa irraa birmaduu akka baatu kan
agarsiisu mallattoo faasikaa ti.

 Yesuus Kiristoos isa kakuu Haaraaf gaaddidduu akka ta’e Phaawuloos caqaseera (1Qor
5:7)
 Faassikaan: Gibxii ba’uu, Waaqayyo birmaduu baasuu isaa israa’elotni kan argan
ijoolleen isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii kan kabajan dha.
 Fassikaa: Gibxii ba’uu fi angafa waaqayyoof addaa baasuu (Bau 12:1-13, 16)
 Israa’eloonni Galaana Diimaa ce’uu, warri Gibxii liqimfamuu (13: 13-14)

Adeemsa Gara Siinaa

- Waaqayyo karaa dinqii garaa garaa isaan geggeessaa ji’oota sadiitti gara Tulluu
Siinaa ga’an (Bau 19:1-3)

4. Seera ittiin Bulmaataa fi qajeelfama Tulluu Siinaatti kennamuu (20 – 24)

Tulluu Kana bira waggaa tokkoof erga turanii booda waaqayyo:

- Seera
- Haala ittiin jiraatan

21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Seera lubummaa
- Seera kurnoo fi buusii
- Seera miseensa fudhatan

Waaqayyo saba isaa wajjin akka ta’uuf, bakki waaqeffannaa hojjetame.

Seerichi kennamuun (20 – 24)

1. Saba isaa seera qabaachisuuf


2. Namni Waaqayyoo wajjin haala itti jiraatu (20: 1-4)
3. Namni nama biraa wajjin akkamitti walitti dhufeenya godhachuu akka qabu agarsiisa

Seerotnis gosa sadii dha

1. Seera Naamusaa (20:3 – 17, 1Qor 10:4)

- Abboomii kurnan yemmuu agarsiisu

2. Seera sabni ittiin bulu (21: 1-23)

- Haala nyaataa - loltummaa

- eegumsa lafaa - gaa’ela

- Da’umsa irratti - hiikkaa

3. Seera Amantii

- Godoo Qulqullaa’aa

- Seera lubummaa Lew 8: 1- 9, 24

- Torban ayyaana Leewwotaa

- Aarsaa Leewwotaa shanan

* Aarsaa gubatu

22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Aarsaa fayyinaaf

* Aarsaa cubbuuf

* Aarsaa balleessaa garaa garaa

* Aarsaa Midhaanii

5. Godoon Qulqullaa’aan hojjetamuu (Bau 25:40)

* Waaqayyo Museetti bakka itti argamuu barbaadu itti hime

Bazaali’el fi Aholiiyab ogummaa Waaqayyootiin guutamanii Godoo Qulqullaa’aa hojjetan (27,


28)

Iddo Aarsaa Itti dhiyyeessan (30)

* Haala jireenya lubootaa fi tajaajila isaaniillee seera Ba’uu keessatti arganna (28:29, 40-43,
39:27-29).

Kutaa Afur

Seera Lewwootaa (Leviticus)


Lewwoota: Qulqullummaan Waaqayyoof

 Lewwiin gosa Israa’elotaa kudha lamaan keessa maqaa isa tokkooti


 Tajaajilaan Macaafa Seera Leewwootaa tajaajilaaf ijoollee Israa’elotaa (Lewwii) kan
waamamaniif abbaa dha.
 Macaafni kun maqaa kanaan waamamuun:-

- Waa’ee gosa Leewwii

- Waa’ee dura buutota lubootaa

- Waa’ee lubootaa

23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Waa’ee waaqeffannaa hafuuraa ibsuun waan barsiisuuf

 Seenaan Macaafa Seera Leewwotaa keessa jiru, taatee seera ba’uu fi seera lakkoofsaa
gidduutti ta’e, kunis kan ji’a tokko qofa kan of keessatti hammatu dha.
 Leewwootnii:- Seerri waaqeffannaa kan keessatti argamu dha.
- Haala jireenya dhuunfaa fi waliin Israa’elootaa kan qabate dha (Bau 40:26-33, Lewwoat
1:1-2)
- Joora Israa’eloonni bakkee onnaa keessatti godhan waggaa 40 macaafa jalqaba irratti
qabate
dha.
- Waaqayyo ofii isaatii kan fo’ee tajaajilaaf baase gosa Lewwii, Lubummaaf ba’an
macaafa
qabate dha
Barreessaan: Musee dha
* Waaqayyo Museetti jechoota kana akka dubbate macaafa kana keessatti yeroo 56 cafafameera
Ba’uu 14:1, 6:1, 8:1
* Gooftaan Yesuusis Museen akka caafe dubbateera (Mar 1:44, Lew 13:49)
Bara itti caafame:
* Biyya Gibxii erga ba’anii booda ji’oota muraasa booda Tulluu Siinaa irratti waggaa tokkoof
yeroo
turanitti dha.
Jecha Ijoo Lewwoota keessatti
 Jechi furtuu Macaaficha qulqullummaa dha Lew 19:2, 11:44 – 45
 Jechi kun yeroo 152 Macaafa Qulqulluu keessatti irradeddee bi’amee ibsameera

- Luboota mudaa hin qabne

- Mudaa hin qabne Waaqayyoof dhi’eeessuun Horii qulqulummaan kan wal


qabate dha

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kaayyoo Macaafa seera Lewwootaa

1. Seeraa fi Waaqeeffannaa dhuga qabeessa barsiisuuf

2. Mana Waaqayyoo keessatti seerri akka jiru barsiisuuf

3. Saba Waaqayyoo kanneen qindaa’an seera amantii fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti ittiin
bulmaata

barsiisuuf

4. Sabni Waaqayyoos Seerota kana hubatee ittiin buluun warra naannoo isaa jiraniif fakkeenya
akka ta’aniif

5. Namni Waaqayyotti dhi’aachuuf qulqullummaa akka isa barbaachisu agarsiisuuf fi akkasumas

Waaqayyootti dhi’aachuu akka danda’u barsiisuuf

Qoodama Macaafa Seera Lewwootaa

I. Seerota aarsaa (Boqo 1:1-6: 7)

II. Aaroonii fi ijoollee isaa (6:8 – 10:20)

III. Seera qulqullummaa (11:15-17: 22)

IV. Guyyaa Dhiifamaa (16)

V. Qajeelfama jireenyaa (18-20)

VI. Seera Lubummaa (21 – 23)

VII. Ayyaanota Yihuudotaa (21 -23)

VIII. Of eeggannoowwan (26)

IX. Waadaa fi Kurnoo (27)

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

I. Seerota Aarsaa (1:16:17)

Macaafa Seera Lewwootaa keessatti gara fuula Waaqayyootti dhiyyaachuuf kan dandeesisan:-

 Galateeffachuuf
 Kadhaannaaf
 Dhiifama cubbuu argachuuf, aarsaawwan dhi’atani dha.

Macaaficha keessatti aarsaawwan gosa shan kan dhi’aatan yoo ta’u, hundinuu tajaajilli isaanii
garaa gara yoo ta’u iyyuu kan dhi’aatan garuu Waaqayyoof.

* Namoonni aarsaawwan Kanneen karaa lubootaa sababoota garaa garaaf dhi’eessu turan

* Aarsaawwan fudhatama kan qabaatan qajeelfama Waaqayyo kenne yoo hordofanii dhi’aatan
qofa

* Kiristoos isa Kakuu Haaraaf gaaddidduu yoo ta’an, akkasumas kutaawwan Kakuu Haaraa adda
addaa keessattis ibsamaniiru

1. Aarsaa Gubatu (Lew 1:3-17, 5:7, 6:9-13)

* Jaalala Waaqayyoof jaalalaan kan dhi’aatu dha

* Aarsaan dhi’aatu martinuu in gubata

* Guyyaa guyyaatti aarsaa ganamaa fi galgala dhi’aatu dha.

Gosa Aarsiicha

 Horii dhiira ta’ee kan mudaa hin qabne


 Sangaa
 Hoolota
 Gugee hundinuu in gubata
Kaayyoo Aarsichaa
 Waaqayyoo gooftaaf ulfina kennuuf
26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Cubbuuf dhiifama argamsiisuuf


 Waqqayyotti of dhi’eessuuf fakkeenya (Ibr 10:1-3, 10:11)

2. Aarsaa Midhaanii (Lew 2:2-5, 6: 14-23, 7:9-10)

* Waaqayyoon galateeffachuuf fedhaa ofiin kennaa dhi’aatuuf

* Ganamaa fi galgala booda yeroo hundumaa kan dhi’aatu

* Kennaan / aarsaan / kun qofaa isaa osoo hin taane, Waaqayyoon duratti fudhatama akka
argatuuf kanneen biro cubbuuf dhi’aatan waliin dhi’aata.

Gosa Aarsaa

 Daakuu gaarii
 Daabboo raacitii hin qabne
 Ashaboon kan hojjetaman Daabboo, maxinoo
 Gosa midhaanii

Kaayyoo Aarsichaa

1. Jireenya ofii Waaqayyoof kennuuf

2. Waaqayyoof galata dhi’eessuuf

3. Firii isa jalqabaa Waaqayyoof dhi’eessuuf

4. Bitamuu keenya agarsiisuuf:- Walakkaan isaa yemmuu aarsaaf dhi’aatu walakkaan ammoo
lubbootaan in nyaatama ture

3. Aarsaa Nageenyaafii (3:1-17, 7:11-18)

* Waaqayyoo fi namoota gidduutti walitti dhufeenyi jiru akka jabaatuuf

* Fedhii dhuunfaa irratti hundaa’ee aarsaa dhi’aatu dha

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Gosa Aarsaa

 Sangoota
 Hoolota
 Re’oonni aarsaaf dhi’aachuu danda’u

* Coomni isaanii in gubata

* Lubootaan

* Namicha aarsaa dhi’eessen

* Namoota biroonis in nyaatama

Kaayyoo Aarsiichaa

1. Waaqayyoo fi nama waaqessu gudduutti walitti dhufeenyi akka uumamuuf


2. Rakkoo keessaa ba’uuf, waa’ee kakaaf, galataaf fedha ofiitiin kan dhi’aatu dha

4. Aarsaa dhiifama cubbuuf dhi’aatu (Lew 4:2-35, 6:24-30)

* Aarsaan dhi’aatu hundinuu mandaraa alatti gubata

* Dhiifama cubbuu Waaqayyo biraa argachuuf kan dhi’aatu dha

* Keessattuu guyyaa gaafa dhiifamaa Angafa lubootaan kan dhi’aatu dha

Gosa aarsichaa

Gosa horii dhi’aatuu :Sangaa, re’ee fi hoolaa ta’uu danda’a

Kaayyoo Aarisichaa

 Dhiifama cubbuu argachuuf


 Waaqayyoo fi nama Waaqessu gidduutti aarsaa dhi’eessuuf

28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Aarsaa dogongoraaf /walitti bu’iinsaaf dhi’aatu (Lew 5:14-16, 7:14)

* Nama ykn Waaqayyoon waan yakkaniif dhiifamaaf aarsaa dhi’aatu

* Nama miidhame tokkoof gatii baasuun kan walqabate dha

* Balleessaa isaa kan hubateen Waaqayyoof kan dhi’aatu dha

Gosa Aarsaa fi dhi’aatu

1. Waaqayyoon namni yakke tokko dhiifama argachuuf

2. Namas kan yakke dhiifama argachuuf

* Nama miidhameef garuu gatiin akka kaffalamu godhama.

II. Seera Lubootaa (6:8, 10, 20)

 Kutaan kun hojii lubootni qabanii fi tajaajila isaanis kan agarsiisu dha
 Saba Waaqayyoo tajaajiluuf, Waaqayyoon kan adda bahan tajaajila isaanii
keessatti waan ta’u, qajeelfamoota tarreessa
 Hojiin lubootaa inni guddaan saba gara Waaqayyoo tti dhi’eessuu fi Waaqayyos
akka saba isaatti dhi’aatu gochuu dha.

1. Sabni qalbii jijjiirachuun gara Waaqayyootti akka deebi’u

2. Giddu galeessa ta’uun Waaqayyoo fi saba gidduu dhaabatu

3. Aarsaa garaa garaa dhi’eessa

4. Eenyu illee ofii isaatiin ka’ee aarsaa dhi’eessuu ykn ixaana aarsuu hin danda’u.

III. Seera Qulquluummaa (11-15)

 “Ani qulqulluu dha qulqulluu ta’aa” jechuun Waaqayyo sabni isaa isaa wajjin
walsimuu akka danda’a barsiiseera.

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Kun immoo yoom iyyuu kan hin jijjiiramnee fi dhugaa Waaqayyo barbaadu dha
 Qulqullummaa alatti seera Israa’elootaaf kenname

1. Nyaata kan ilaalate

 Fayyaa qaama namaa eeguuf kan kennaman yoo ta’an


 Faanni isaanii kan tarsa’aa ta’ee fi hin taaneen garaa garummaan jiru

2. Dubartiin yeroo deessu

 Yeroo dhiirri dhalatu


 Yeroo durbi dhalatu

3. Abbaarsaa fi dhibee gogaa namaa

 Fayyummaa namaa eeguuf qajeelfamota kennaman


 Dhibeen gogaa namaa salphaatti kan daddarbani dha
 Namni dhibee gogaa qabu dursee lubatti himuun qaba

IV. Guyyaa dhiifamaa (Lew 16)

 Israa’elootaaf guyyoota waggaa keessa turan caalaatti guyyaa kanatu iddoo guddaa qaba
 Angafni lubootaa kutaa qulqullaa’aa waggaatti yeroo tokko kan seenu guyyaa kana
 Waggaa keessatti soomin kan barbaachisu guyyaa kana
 Guyyaa kana dhiifama cubbuu kan godhamu wagga qofaaf

Ayyoota Gurguddoo Israa’elotaa (Lew 23:6-25)

 Kaayyoo Ayyaanotaa:- Waaqayyoon Waaqessuuf dha


 Cubbuu irraa fagaachuun
 Laphee guutuun of kennuun
 Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuun
 Gocha Waaqayyoo yaadaa waaqessuu dha

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Gosa Ayyanotaa

1. Ayyaana guyyaa sanbataa Lew 23:1-3

2. Ayyaana Faasikaa fi maxinoo Lew 23:4-8 Gibxii kan bahan

3. Makarrii fi angafa kennuu Lew 23:9-14

4. Aayyaana pheenxe qoosxee

5. Ji’a haaraa fi ayyaana sagalee ulullee (Lew 23:23-25)

* Israa’el Mootummaa akka dhaabbattu kan agarsiisu dha

6. Ayyaana guyyaa dhiifamaa Lew 3:26-32

7. Ayyaana Godoo Qulqullaa’aa Lew 23:33-34

* Garbummaa biyya Gibxii bahanii gara biyya Kana’aan akka itti galan Waaqayyo isaan

yaadachiisuuf (Kes 31:9-13)

8. Ayyaana Guyyaa torbaffaa - (Ke 25:1-7, 18-22)

* Waggaa jaha erga oomishanii boodaa lafa waggaa torboffaatti kan boqochiisan dha.

* Hiyyeessota yeroo itti yaadatan dha

9. Ayyaana Iyyoobedi -Lew 25-8-21

* Birmadummaa Waaqayyo israa’elootaaf kenne

* Garboota isaanii illee birmaduu kan itti baasan

31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Shan

Seera Lakkoofsaa (Numbers)

 Macaafa “lakkoobsaa” jedhamuun beekama


 Maqaa kana kan argate 1:26 irratti lakkoobsa dhalootaa kan jedhu irraa ti. Kunis:
 Waggaa 2ffaa booda Gibxii erga bahanii ti
 Waggaa 14ffaa irratti lakkoobsa ta’e irratti hundaa’eti
 Macaafni kun egaan Tulluu Siinaa irratti kakuun erga ta’een booda, jireenya lafa onaa
keessatti ture waggaa 38/39 kan agarsiisuu dha (Lakk 1:1, Deb 1:1)

Barreessaan:

 Yaadolee jiran irraa akka hubatamutti Musee dha


 Museen bara 1450 – 1410 Dh.k.D Jireenya isaa bara dhumaa irratti Mo’aab akka ture
dubbatama.
 Kunis Gibxii bahanii waggaa tokko booda, hanga kana’aanitti yeroo jiru agarsiisa. Haa
ta’u malee macaafni kun guutummaa guutuutti barreeffamee kan xumurame harka
Museen jechuun nama dhiba kan jedhan jiru. Kunis kutaawwan mursaasni barreesitoota
Israa’elootan itti dabalamuu in danda’a. Fakkeenyaaf 12:3

Yaada ijoo Macaafa Seera Lakkoofsaa

Lakk 14:22-23

“… namoota warra ulfina koo fi milikkita garaa garaa isa ani biyya Gibxii fi lafa onaa keessatti
argisiise arganiianaaf abboomanuu dhidanii si’a baay’ee ana qoran … Garuu garbichi koo
kaaleb hafuura kan biraa waan qabuuf inni garaa isaa guutuun ana duukaa waan bu’eef…”

32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Barsiisa Macaasa seera Lakkoobsaa

 Waa’ee jireenya lafa onaa Israa’elootaa yoo dubbate illee, barsiisa baay’ee of keessatti
qabata.
 Israa’el biyya Gibxii erga baatee booda, waggaa jalqabaa irratti saba mootummaa isaa
akka taatuuf:

* Isaanii wajjin Tulluu Siinaa gubbatti kakuu gale

* Inni gidduu isaanitti akka argamuuf Godoo Qulqullaa’aa buusaan.

 Macaafni Seera Lakkoobsaa yemmuu jalqabu

* Waaqayyoo saba Israa’eliin haala loltuun yemmuu qindissuu argina

* Tulluu Siinaa erga gad dhiisuunii booda, sababa biroo giddutti saba Waaqayyoon
geggeeffamanii fi loltuu mootee galtu isaan godhe.

 Macaafni kun warra Waaqayyoof hin ajajamne irratti dheekkamsi Waaqayyoo akka ta’u
barsiisa. 20:1-29
 Macaafa kana keessatti Bal’aan raajii beekamaa ture 22:23
 Macaafa kana keessatti Namoonni gahee guddaa taphatan

* Musee – geggeessaa cimaa

* Aaroon – Angafa lubaa

* Maariyaam – Obboleettii Musee fi Aaroon

* Iyyaassuu fi Kaaleeb – Gooftaa kan amanaan

 Macaaficha keessatti bakka beekamoo


1. Siinaadhaa gara Qaades
2. Qaadeesii ammas gara Qaades
3. Qaadeesii gara Kana’aan
33 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Mata duree gugurddoo

 Lakkobsa: Ajaja Waaqayyootiin Museen yeroo lama saba lakkaa’e. Sabni Waaqayyoo
o Naamusa kan qabu
o Kan Qindaa’e
o Addaa kan bahee fi saba qulqulluu ta’e dha
o Diina isaa of irraa dhorkuuf fi
o Diina isaa loluuf kan qophaa’e akka ta’uuf lakkoobsi ta’e
 Ajajamuu Diduu
o Amanamumaa Waaqayyoof ajajamuu diduu (13-14)
o Kunis Waggaa 40f bakkee onaa keessa akka jooran godhe
o Kun immoo Waaqayyo kan cubbuu adabu ta’uu agarsiisa
 Kakuu
o Waaqayyoo kakuu kan eegu saba isaa qabeera
o Jaalalaan geggessee lafa kana’aaniin ga’eera
 Adeemsa Israa’el irraa barumsa argamu

1. Rakkoo garaa garaa keessatti kan nama hin dhiifne Waaqayyoon amanachuu

(Far 3:5, Lakk. 13:26, 14:25)

2. Waaqayyoo gooftaan akka jaalala isaatti waan nu barbaachisu hundaanuuf kenna (Fil 4:19)

* Geggeesitoota kenneef 1:1-3

* Nyaata kenneef 11:6-9

* Foon kenneef 11:31-33

* Bishaan kenneef 20:8

* Lafa kakuu kenneef: 14:7-8

3. Waaqayyo akka qajeelfama isaatti fi ajaja isaatti Waaqeffamuu qaba

* Israa’el ajaja isaa fudhachuu dhiisuun lafa anaatti hafte (Lakk 26:1)
34 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Hirama Macaafichaa

1. Israa’el Siinaadhaa gara lafa Abdii (1:1-10: 10)

2. Siinaa gara Qaades (10:11-12: 16)

3. Israa’el Waaqayyoof ajajamuu dhabuun Qaadesiin turuu (13:1-20:31)

4. Lolanii Mohuu (22:2 – 32: 42)

5. Qajeelfamootaa fi Seerota (33 – 36)

6. Buufata gosa Israa’elotaa (2:1-31, 10:11-33)

Niftaalem Aseeri Daan Yihudaa

Yisaakoor
Efereem

Zaabiloon
Minaasee

Roobel
Biiniyaam
Simi’oon
Gaad

Ijoollee Israa’el Addeemsa irratti buufata isaanii

Daan Eferem Roobel Yihuudaa

Aseer Minaasee Simi’oon Yisaakoor

Naftaalem Biiniyaan Gaad Zaabiloon

35 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Tokkoo tokkoon isaanii bakka isaanii maatiin qubatu

 Qehaat: Lakk 4:4 – 20


 Ilmaan Meraarii (4:29 – 30)
 Ilmaan Gershoon (4:21 – 28)

Barsiisa Macaafa Seera Lakkoobsaa Gurguddoo Lamaan

1. Deemsaaf qophaa’uu (1-12)

 Israa’eloonni gara Tulluu Siinaatti osoo hin ba’in dura lakkaa’amanii turan

* Dubartoonni

* Ijoollee

* Leewwota osoo hin dabalatin 600,000 turan

 Waggaa Afurtama booda dhaloonni ajajamu dide dhumee kaanin bakka bu’uu argina
 Waaqayyoo gosaan akka lakkaa’aman yemmuu qindeessu, luboota, Lewwoota fi hojii
isaanii agarsiisuun saba isaaf qajeelfama kennee ture (Lakk 1:2) 6:22, 9:14
 Godoon Qulqulla’aa saba Waaqayyoo gidduu yemmuu buufatutti sabni bakka sadiitti
qoodamee ti

* Kallattiin obdii Godichaa irra kan buufatan

* Musee fi Aaron Akkasumas

* Gareen lubootaa galmaa isaa eegu

 Adeemsa isaanii keessatti gara kami akka deeman hin beekan kanaaf Waaqayyo
geggeessaa fi fixaan ba’iinsa kennaafii ture

- Guyyaa utubaa chuumessan halkan ulbaa Abdaan geggeessaa ture (Lakk 19: 15-23)

- Kunis Waaqayyo gidduu isaaniitti argamuu kan agarsiisu dha (Lakk 10:33)

36 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Adeemsa Hanga Diree Mo’aabitti jiru (13-20)

 Waggaa tokko booda Tulluu Siinaa irraa ka’anii gara lafa abdachiifameetti galuuf gara
Qaadesitti sochii yemmuu jalqabanitti sodaan itti dhagahaamee ture.
 Gosni Israa’el kurnan gabaasa isaan amanuu dhabanii

* Laphee namootaa gad buuseera

* Qaadesii gara Qaades waggaa 38/39 deddeebi’uu

* Guugummii fi ajajamuu dhabuu isaanii

* Rakkoo yeroo irra dabarsanii ilaaluu kan danda’an Iyyaasuu fi Kaaleb qofa turan

 Saba kaayyoon ba’e (14, 15, 16)

* Musee irratti ka’uun diinota isaaniin rukkutamanii maatii isaanii waliin badan.

 Kana irraa kan ka’e saba fi Waaqayyo giddutti dhugaa mul’ate

* Sabichi karaa baay’ee yeroo abdii kutu argina

* Abdii kan kenne Waaqayyoo karaa biraatiin haftee isaan gidduu jiraniif mo’icha
kennuun sagalee abdii isaa raawwateef

3. Seensa Lafa Abdii (21-36)

 Gara kana’aanitti galuuf yemmuu ka’anitti wagga 20 ol kan ta’an Musee, Aaroonii fi
Maariyaamii erga du’anii booda kan hafan:

* Waggaa 20 gad kan ta’anii fi

* Iyyaasuu fi Kaaleb qofa turan

 Araara Waaqayyoon ammas mo’ichi itti fufuun adeemsa itti fufanii, Waaqayyos
sagalee abdii isaa yemmuu raawwatu mul’ata.

* Obsa Waaqayyoo akkasumas

* Gooftaan sagalee isaa akka kabaju agarsiiseera

37 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Jaha

Seera Keessa Deebii (Deuteronomy)

Keessa Deebii seera yaadachiisuu

 Afaan Ibaariyisxii “Elaachii, Haadii baarim” jechoota jedhanitti fayyadama


 Afaan Girikii ammo keessa deebii 17:18, seera haaraa osoo hin taane, seera duraa ta’uu
hubachiisa.
 Hiikni isaa “seera lammaffaa” jechuu dha
 Museen seera Ba’uu 20 irratti seera kenne dhaloota haaraaf akka walsimu godhee
kennee ture.

Kayyoo Macaafichaa

 Israa’eloonni biyya Gibxii erga bahanii booda dirree Mo’aab irratti Waaqayyo kakuu
galeefii ture haaromsuuf
 Israa’el saba Waaqayyoo akka ta’an cimsuuf
 Bakkee onaa Keessa yemmuu turanitti seera Israa’elotaaf kenname dhaloota haaraa
yaada chisuuf
 Seericha akka eeganii fi cimsan yaadachiisuuf

* Eebba-- ajajamuu

* Adabbii--ajajamuu dhiisuu

 Kakuu Waaqayyo biraa fudhatan gatuun Waaqayyoon duratti kan gataman akka isaan
godhu yaadachiisuuf (Deb 7:9)

Barreessaa Macaafichaa

o Museen akka barreesse kutaa Macaafa kanaa keessatti caqasamee argama (1:5, 31, 9:22-
24)

38 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Museen erga du’ee booda kutaa hafe, boqonnaa 34, namni biraa akka caafetti yaadama
o Yessuusis ta’e bartoonni isaa Museen akka caafe dhugaa bahaniiru (Mat 19:7-8, Mar
10:3-5, Hoe 3:22-23, 7:37-38)
o Kakuu Moofaa keessattis (1Mot 2:3, 2Mot 14:6)

Yeroo itti caafame

o Bara 1406/1407 Dh. K. D. akka caafametti yaadama

Namoota Qooda guddaa qaban

o Musee
o Iyyaasuu
o Dhaloota Haaraa

Jechoota Furtuu ta’an

o Yaadachuu
o Ajajamuu
o Ebba keessa Deebii 4:32, 29:8
o Abaarsa
o Kakuu

Amala Adda Macaafa Seera Keessa Deebii

o Gooftaan Yesuus Yeroo baay’ee barsiisa isaa keessatti caqaseera


o Yesuus qormaata isa mudata kan mo’ate macaafa kana keessaa caqasuun ture (8:3, 6:16,
Mat 4:1-11, Luq 4: 1 -13)
o Seerri macaafa keessatti ibsame waan ta’eef Kes Deb 45 Mat 22:37
o Waaqayyoof ajajamuu macaafa dubbatu dha
o Itti gaafatamummaa saba kakuu kan dubbatu dha
o Seera Ba’uu, Seera Lewwootaa fi Lakkoobsaa keessatti seerota caafamanii fi Dinqiiwwan
irra deebi’ee ibsuun

39 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o 27nu kakuu Haaraa keessaa 17 macaafa kana caqasuun adda isa godha.

Hirama Macaafa Seera keessa Deebii

I. Seensa (1:1-5)

II. Itti lixa Seenaa (1:64, 43)

III. Dursa Kakuu (4:44, 26:19

a. Ajaja isa guddaa – guutummaatti bitamuu kan gaafatu (4:44, 11:32)


b. Ajaja xixiqqaa 12 – 26

1. Seera qulqullummaa (12:1-16, 17)

2. Seera warra biyya bulchanii (16:18 -21)

3. Seera Mootummaa Waaqayyoo fi qulqullina isaa (21: 22: 25-19)

4. Gooftummaa fi mootii ta’uu Waaqayyoo dhugaa bahuu (26)

IV. Abaarsii fi eebbi akka hin hafne (27 – 30)

V. Bu’uura Kakuu Moofaa Seera Keessa Deebii (31 – 34)

a. Jijjiirama geggeessaa (31: 1- 29)

b. Faarsaa (31: 30 – 32)

c. Musee fi ilmaan Israa’elootaaf kakuu eebbaa (32:48)

d. Du’a Musee fi bakka bu’iinasa Aaron (34)

Karaa biraatiin ammo macaafa kana bakka sadiiti hiruun ilaaluun in dandaa’ama.

I. Dhaloonni Haaraan Seenaa Waggaa 40 darbanii yaadachuu (1-4)

1. Kufaatii Israa’el (1:1-3, 29)

40 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Bu’aa ajajamuu (4:1-40)

3. Magaalotaa fi iddoo baqaa (4: 41 – 43)

II. Seericha lammata barsiisuu (4:44- 28: 68)

1. Kakuu fi eebaa (4:44 – 11:32)


2. Kana’aaniin jiraachuu (12: 1-28)
3. Eebbaa fi Abaarsa (27:1-28)

III. Nagaa Dhaamsa isa dhumaa fi gorsa raajii qabu (29:1-34)

1. Filannoo eebba ykn abbaarsa (29:1-30)


2. Waamamuu Iyyaasuu (31:1-29)
3. Faarfannaa Musee (31:30-33)
4. Du’a Musee (34:1-12)

Ijaarsa Barreeffamaa

o Ibsa, Kan darbe irra deddeebi’uun ibsa


o Dhaloonni kun (Iyyaasuu fi Kaaleb irraa kan hafe)

* Dinqiiwwan gurguddoo Waaqayyoo

* Israa’el birmaduu ba’uu

* Galaanni diimaan addaan qoodamuu fi seera kenname kan hin argine

* Adeemsa bakkee onaa keessatti kan dhalatani dha

o Boqonnaa jireenya (Qormaata Waraanaa) saba kana jajjabeesuuf Iyyaasuun osoo


Galaana Yoordaanos hin ce’in dura yeroo torba gorse ture.

1. Seenaa Yaadachuu (1-4)

 Haasaan Musee inni jalqabaa seenaa darbe dhaloota haaraa yaadachiisuu ture

41 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Abbootiin isaanii

* akkamitti Gibxii akka bahan

* Gaarummaa fi guddummaa Waaqayyoo ibsuun

* Ajajamuu dhabuunii fi guungumiina hangam akka duubatti hafan

* Waaqayyo immoo hangam obsaan qabee akka isaan barsiise

 Amantii dhabuun isaanii jireenya isaaniif hangam akka gufuu itti ta’e
 Baay’een isaanii amanuu dhabuun lafa kakuutti osoo hin galin hafaniiru (Mat 13:58)
 Waaqayyoon barbaaduun, ajajamuun eebbaa fi simboo argamu ibsameera 2:7, Deb 2:14
 Amanummaa Waaqayyoo Museen dhuma baroota isaa irratti dhugaa baheera

2. Seericha Barsiisu (4 – 28)

 Museen dhaamsa isa dhumaa gochuuf seenaa darbe yaadachisuu qofa osoo hin taane
 Israa’eloonni saba kakuu Waan ta’aniif jireenya Waaqayyotti isaan butu akka jiraataniif,
lafa itti galuuf jiran:

* Waaqa isaaniif ajajamuun

* Waaqa isaanii jaallachuun

* Hubannoo fi Waaqa isaanii Kabajuun seera raawwataniiru

 Waaqa tolfamaa irraa akka baqataniif


 Waan hamaa irraa ofii isaanii fageessanii warra kaaniif waan gaarii akka godhaniif
 Waaqayyo qulqulluu akka ta’e qulqullooa akka ta’aniif
 Saba keessa jiraatan keessatti seeraan akka jiraattan

* Jireenya hawaasummaan

* Seera mata mataa isaaniin buluun (Deb 16)

42 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Walitti qabamuu fi waliin waaqessuu isaanii akka itti fufaniif


 Ijoolleen naamusaa kan qabanii fi maatii isaaniif kan ajajaman akka ta’aniif cimsee itti
himera
4. Dhaamsa Musee (29:1-34)

Museen saba jaallatuu fi waggaa 40 saba geggeesse irraa adda bahuun duratti

1. Iyyaasutti aangoo geggeessummaa kenne (31:7-8)


2. Iyaasuuf harka irra kaa’ee kadhateef

* Hafuurri ogummaa akka isa guutuuf

* Ilmaan Israa’el akka ajajamaniif

* Saba duratti simboo akka qabaatuuf

3. Luboonni itti gaafatamummaa isaanii akka bahaniif ajajeera

* Waaqayyo akka isaan ajajetti akka raawwataniif

* Dhugaa seerichaa sabaaf akka dubbisaniif

* Tajaajila barsiisuu irratti akka cimaniif (34:9)

4. Gosa tokko tokkoof eebba kenneef

5. Wajjin jiraachuun Waaqayyoo akka itti dhagahaamu jajjabeesse

6. Faarsaa Waaqayyoon ulfeessu farfaate (22:1-3, 27:29)

Museen, geggeessaa guddaan, tokko afurfaa kan ta’u ergaa Afuuraa kan barreesse

 Qaadesitti ajajaamuu dhabuu isaatiin lafa kakuutti akka hin galleef dhorkame (Lakk
20:10)
 Gooftaan akkuma itti agarsiisetti Tulluu Neeboo irrattti ba’uun biyyattii abdii gad ilaalee
osoo itti hin galin hafe.

43 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Bakka owwalcha isaa garuu eenyuu osoo hin beekin akka hafe ibsuun seenaa isaa cufa
(Deb 34:4-6)

Macaafni kun dhuma Macaafa seeraa akka ta’e hubanna (31:9) Macaafichii

 Waaqayyo
- Waaqa kakuu fi abbaa hiree, aaraarri isaas kan daangaa hin qabne
- Cubbuu kan adabu Waaqa qulqulluu
 Macaafni kun uumaa wajjin
- Walitti dhufeenya dhuunfaa akka barbaachisu
- Laphee guutuun jaallachuu fi waaqessuu akka barbaachisu
- Jaalala malee Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuun akka hin dandaa’amne
ibsa
 Kakuu eeguun faayidaa argamu, kunis eebba
 Kakuu eeguu dhiisuun badiisa dhufu

Gundunfaa (Conclusion)

Macaafonni seeraa kunniin eenyummaa Waaqayyoo, jalqaba dhala namaa fi kufaatii isaa
walitti qabuun, ka’umsa saba Israa’el akkasumas garboomuu isaa warra Gibxiif bitamaa buluu
isaanis ibsu. Araara Waaqayyoos bal’inaan kan ibsan dha. Sabni filatame kun Waaqayyoo
wajjin akkamitti jiraachuun akka irra jiru kan agarsiisanii fi seera kennameef eeguun eebbaa
argatanii fi eeguu dhiisuun miidhaa itti dhufuu danda’u kan ibsan dha.

Kitaabolee Wabii (References)

1) Dillard B, raymonl, Temper Longman III, An introduction to the old Testamen. Zondervan
publishing house, Grand Rapids, Michigan, 1994.
2) Walvood, John, koy B.Zock, The bible knowledge commentary: Chariot victor publishing
USA 1973
3) New Bible Dicionary. I.H. Marshal etal (ed) intervarsity press: 1996

44 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: [email protected] / [email protected]
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like