Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 28

GALMEE JECHOOTA AFAAN OROMOO[F&H]

1. Quba moggee [m] =quboota shanan keessaa isa xiqqoofi qalloo ta’e kan harka mirgaatiif gara
mirgaatti argamuudha.
2. Quba qubeellaa[m]=quboota shanan keessaa quba moggeetti aanee kan argamuudha.
3. Quba guddaayknmootii [m]=quba guddaa dheeraa jidduu quboota shananiitti kan argamuudha.
4. Quba agarsiistuu[m]=quba guddaatti aanee jidduu quba guddaafi quba abuuddutti kan
argamuudha.
5. Quba abuudduu[m]=quboota shaman keessaa isa furdaa fi baay’ee gabaabaa ta’eedha.
6. Sooyyama[m]=morma
7. Heelluu[m]=gosa rifeensaa isa dheeraafi luuccaa ta’eedha[dubartiif]
8. Martuu[m]=gosa rifeensaa isa gabaabaafi luuccaa hin taane.
9. Sandalata[m]=gobbaanii,dhiirota obboleewwan dubaraa fuudhan walii isaaniitiif.
10. Bardii[]=hidda dhalootaa
11. Gaafata[]=abbugaam,ayyaana sanyii fi qotiyyoo oromoon waxabajjii keessa kabaju.
12. Faatii[]=dalaga,waaqa kadhachuu.
13. Oofkaltii[]=eeyyama ,qajeelcha.
14. Xaqanaa[]=aannan erga baaduu ta’ee booda baaduu ibidda irra kaa’uun kan argamu ta’ee isa
jajjaboo dha
15. Aangubaa[]=aannan erga baaduu ta’ee booda baaduu ibidda irra kaa’uun kan argamu ta’ee isa
dhangala’oodha.
16. Areera[]=baaduu
17. Miinya[]= tuuta
18. Foduu[]=iddoo irreeffannaa
19. Alalaasi[]=gammadi,burraaqi.
20. Hurruuba[]=tokkummaa.
21. Hojja duree[]=wiixata
22. Ayyaantuu[]=nama afuurri ykn ayyaanni waaqaa irra bule.
23. Agadaayii[]= harka dhiqannaa ykn gumaa baasuuf hirmii tufuu.
24. Bunaanee[]=kokorii,xuraawaa jajjaboo bushaayee irraa ba’u.
25. Sayyuu[]= obboleettii abbaa warraa.
26. Ganyaa ykn qalaamaa[]=farda dhalaa.
27. Qorkee[]=kibxata,lammaffo
28. Maaddii[]=nyaata nyaattamuuf dhiyaate.
29. Itillee[]=erbee.
30. Saqalaa[]=teessoo aadaa kan miila sadi qabu.
31. Sanqallee[]=meeshaa buddeena itti baasan kan migiraa fi shutaa irraa tolfamuudha.
32. Gindoo[]=meeshaa migiraa fi shutaa irraa hojjatamu ta’ee wantoota jajjaboo safaruuf kan
ooluudha.
33. Ayeetuu[]=aannan jalqaba elmame kan hin ititne.
34. Diinqa[]=kutaa manaa isa olaanaa,faallaa hagaa.
35. Haga[]=kutaa manaa isa gara balbalaa aanu.
36. Utubaa manaa[]=muka walakkaa manaa kan mana utubu.
37. Eessuma []=obboleessa haadhaa ykn abbaa.
38. Cawwaaqa[]=barraaqa,urata,ganama subii.
39. Finna []=daa’ima
40. Gooba[]=dalluu ,lumphee sangaa.
41. Ganaa[]=barruu,shanacha.
42. Gursummeettii[]=dubartii heerumtee baate.
43. Ashara[]=qola bunaa erga bunni dhugamee booda jalatti hafuudha.
44. Eeyyama[]=beekkamtii hojii tokko hojjachuuf gaafatamu.
45. Dhaamochuu[]=qorrachuu.
46. Dila[]=danuu,baay’ee,heddu.
47. Adaadaa[]=obboleettii haadhaa ykn abbaa.
48. Ko’eettii[]=rakkattuu,tan kophaa taate.
49. Taliila[]=bishaan qulqulluu,qarruu.
50. Maalalchiisaa[]=ajaa’ibsiisaa,dinqisiisaa,raajeffachiisaa.
51. Qaata[]=kan darbe.
52. Soorroo[]=tiifuu,rooba xiqqoo.
53. Waarsaa[]=obboleessa dhiirsaa.
54. Yandoo[]=rooba cimaa,dibii.
55. Baakkuu[]=sa’a aannan hin qabne.
56. Goromtii[]=tan hin dhalle[bushaayeef,lukkuuf]
57. Qeerroo[]=dhiira hin fuune.
58. Qarree[]=shamara hin heerumne.
59. Waanjoo[]=meeshaa qotiinsaaf oolu kan gateettii qotiyyoo irra kaa’amu.
60. Xuwwee[]=meeshaa suphee irraa hojjatamu kan dhadhaa itti baqsan ykn kuusan.
61. Waciitii[]=meeshaa suphee irraa hojjatamu kan caccabsaa fi cukkoon keessa kaa’amu.
62. Mattaa’aa[]=fedha guuttachuuf kennaa karaa seeraan alaatiin kennamu ykn fudhatamu.
63. Itti makoo[]=caasaalee gadaa warreen umriin 0-8 jiran.
64. Dabballee[]=caasaalee gadaa warren umriin 8-16 jiran .
65. Foollee[]=caasaalee gadaa warreen umriin 16-24 jiran.
66. Qondaala[]= caasaalee gadaa warreen umriin 24-32 jirabn.
67. Raaba[]= caasaalee gadaa warreen umriin 32-40 jiran.
68. Gadaa[]= caasaalee gadaa warreen umriin 40-48 jiran.
69. Ciicoo[]=okolee,meeshaa aadaa kan migiraa fi shutaa irraa hojjatamu ta’ee kan aannan itti
elmamuudha.
70. Gaayyoo[]=guchuma,meeshaa aadaa kan migira,shutaa fihullee/qabee irraa hojjatamu ta’ee
kan aannan itti kuufamu.
71. Goromsa[]=raada hin dhalle[looniif]
72. Raada[]=jabbii dhaltuu.
73. Jibicha[]=jabbii kormaa.
74. Dhalattuu[]=ilmoo horii kan dhiyoo dhalatte.
75. Buyyaa buluu[]=warra nama wal jalaa ajjeese jiddutti araara buusuuf wanta taasifamu.
76. Taadhii[]=sa’a dafee dhalu.
77. Mirgituu[]=otticha,sa’a aannan baay’ee qabdu .
78. Dugda jabeettii[]=sa’a dafee hin dhalle.
79. Biluu[]=dhiiga yeroo horiin qalamu waliin tuqamuudha.
80. Guddifachaa[]=namni ijoollee hin qabne ijoollee nama biro fudhachuun ilmoo godhadhuudha.
81. Dikee[]=faltii loonii goggogee burkutaa’e.
82. Kobota[]=faltii loonii goggogee akka qoraanitti gargaaru.
83. Kifkifaata[]=gosa ajjeerraa manaa kan citaa irraa hojjatamuudha.
84. Dhankaaka[]=sa’a otoo hin dhalin hafte.
85. Elmuu[]=harguuguu.
86. Elemtuu[]= meeshaa aannan ittiin elman kamuu.
87. Booqa[]=urgaa abaaboo kan yeroo birraa mul’isuudha.
88. Barreessaa[]=waan adda addaa barreessuun kan beekkamu.
89. Caccabsaa[]=nyaata aadaa kan maxinoo, bassoo, dhadhaafi mi’eessituu adda addaa irraa
tolfamuudha.
90. Cuukkoo[]=nyaata aadaa kan bassoo ,dhadhaa fi mi’eessituu adda addaa irraa tolfamuudha.
91. Abjuu[]=manaaba.
92. Kaloo[]=lafa margaa loon akka dheedaniif dhiifamu.
93. Qamaduu []=waanjoodhaan qotilee lamaa walitti qabuu.
94. Dhaaluu[]=yeroo namni du’e qabeenya namaa hirachuu.
95. Maganfachuu[]=miila irratti kufuun dhiifama gaafachuu,kadhachuu.
96. Xoroshoo[]=maxinoo.
97. Heessoo[]=ro’oo,meeshaa aannan itti raasan.
98. Saldheessa[]=nama huqqataa kan ji’a otoo hin guutin dhalate.
99. Cifaara[]=meeshaa eegee loonii ykn fardaa irraa hojjatamu ta’ee kan tiittisa ofirraa dhoowwuuf
oolu.
100. Mamii[]=shakkii
101. Cillima[]=dukkana cimaa
102. Komachuu[]=qeequu
103. Fafa[]=salphina
104. Mishaa[]=gaarii,dansaa
105. Lagachuu[]=waan tokko gochuu irraa of dhoowwuu
106. Cibraa[]=lola iccitii kan akka tasaa diina irra yaa’an
107. Seexaa[]=hamilee
108. Qaruma[]=duruma
109. Daara[]=uffata dhabuu
110. Soosaa[]=gala fe’uumsaaf oolu
111. Goobe[]=garmalee quufe
112. Kumaa kitila[]=baay’ee,danuu
113. Jalee[]=gargaartuu
114. Gadaamojjii[]=caasaalee gadaa warraa umriin 80 olii
115. Bashaa[]=gaarii,dansaa
116. Sifa[]=siif haa ta’uykn milkaa’u[nyaanni nyaanne]
117. Qomoo[]=sanyii,gosa
118. Cichuu[]=cimsuu,jabeessuu
119. Daafii[]=ifaajii
120. Aagii[]=naga
121. Gaa’ila[]=sirna fuudhaa fi heerumaa
122. Misirroo[]=warreen wal fuudhan lamaan
123. Koodee[]=obboleewwan abbaa fi haadha tokko irraa dhalatan
124. Manaaba []=abjuu
125. Imala[]=deemsa karaa bakka tokko dhaquuf
126. Aasxaa[]=mallattoo
127. Qaalii[]=kan gatiin ol ka’e,mi’aa
128. Mirgoo[]=jibicha qonna ga’e.
129. Falfaltuu[]=goojee,mortuu
130. Kosii[]=dikee
131. Daa’ima[]=sabiyyii,ugoo ,finna
132. Malqa[]=dhalattuu
133. Ciche[]=du’e,lubbuun darbe
134. Sokke[]=deeme,kute,karaa bu’e
135. Qaccee[]=qarqara
136. Dongoraa[]=hordaa
137. Sanyii[]=qomoo
138. Biyyee[]=daaraa
139. Dhukkee[]=daaraa bullaa’aa
140. Cuucii[]=ilmoolee lukkuu
141. Cilqoo[]=waatii
142. Harma[]=mucha
143. Huffee[]=kijibaa,sobaa,afuuffaa
144. Qaqaa[]=baay’ee gurraacha
145. Gola[]=kutaa manaa isa olaanaa
146. Lookoo[]=qalloo dheertuu
147. Soolaneessa[]=ko’eessa
148. Man tokkee[]=mana kophaa jiru
149. Man lamee[]=nama haadha manaa lama qabu
150. Uffata []=kafana
151. Cokoo[]=eboo gurra 4 qabu
152. Soomayyuu[]=ulee qajeelaa eboon itti godhamu
153. Woyaa[]=bullukkoo,uffata fuula 4 qabu
154. Udaan[]=bobbaa
155. Gaaddidduu[]=fakkaattii
156. Daawwitii[]=of ilaallee,of argaa
157. Balbala[]=seensa
158. Qararaa[]=qulqulluu,taliila
159. Fuuldura[]=afoo
160. Booda[]=maa’essa
161. Maayii[]=dhimma
162. Hangafa[]=nama dura dhalate
163. Canboo[]=booruu
164. Dirsaa[]=rooba cimaa
165. Dursaa[]=qaama kooraa gara afoo
166. Hurufa[]=dirree
167. Raasaa[]=ala
168. Amba[]=orma
169. Saffisa[]=ariitii,jarjarsa
170. Abaraanjee[]=jaanja’aa,raankee
171. Fe’umaa[]=teepha dheeraa
172. Hayyuu[]=beekaa
173. Ooyruu[]=lafa qonnaa
174. Ooydii[]=lafa midhaan itti dhahan
175. Hektaara[]=qarxii 4
176. Moggoo[]=nama maqaa wal fakkaatu qabu
177. Masoo[]=waanyoo
178. Sharrii[]=hamaa
179. Hamachuu[]=waa’ee nama nu bira hin jirree dubbachuu
180. Harkuu[]=sa’a waatii malee elmamu
181. Harguuguu[]=elmuu
182. Gabaabumatti[]=duuchaadhumatti ,dimshaashumatti
183. Maseena[]=kan takka dhalee dhiise
184. Haxaawwii[]=hartuu
185. Yuuba[]=rifeensa dheeraa
186. Duudaa[]=kan gurraan hin dhageenye
187. Qaroi dhabeessa[]=kan ijaan hin argine
188. Dukkana[]=cillima
189. Farra[]=diina,baay’ee gabaabaa
190. Lafoo[]=lukaan deemuu
191. Birbirsa[]=muka addaa/baay’ee dheeraa
192. Mudduu[]=ariifachiisuu
193. Hacuuccaa[]=cunqursaa
194. Arrii[]=rifeensa adii
195. Niitii[]=haadha manaa
196. Gaabbuu[]=sheena’uu
197. Garmaamuu[]=gulufsiisuu
198. Dureessa[]=sooressa
199. Hiyyeessa[]=harka qalleessa
200. Kichuu[]=kan hin geenye.
201. Dheedhii[]=kan hin bilchaanne
202. Gormaa[]=kan baay’ee bilchaate
203. Bittinneessuu[]=tamsaasuu,facaasuu
204. Toora[]=sarara,tartiiba
205. Funaanuu[]=sassaabuu,walitti guuruu
206. Qaari’e[]=jige,kufe
207. Hanga’uu[]=balaqqeessa’uu
208. Too’achuu[]=naanna’uu
209. Cufa[]=hunda,mara
210. Dhidhuu[]=hirdhuu
211. Masaanuu[]=niitii lama ykn lamaa ol abbaa manaa tokkoon bulan
212. Foonaa/moonaa[]=bakka loon itti galu
213. Adeemtuu[]=nama karaa deemu
214. Sargee[]=nama niitii biroo fedhu
215. Duduba[]=dhoqqee
216. Kabajamaa[]=ulfaataa
217. Qabrii[]=awwaala
218. Hawwii[]=fedhii
219. Shoora[]=gahee
220. Qoorara[]=ceekuu
221. Kibxata[]=jila
222. Sadheessa[]=dhalattuu
223. Fanfanuu[]=addaan qooduu
224. Ija gurraattii[]=waan gatiin olka’e
225. Bushaaye[]=rakase
226. Bushaayee[]=re’eefihoolaa
227. Irbuu[]=waadaa
228. Bifa[]=halluu
229. Kufe[]=kan hin darbine
230. Irra[]=gubbaa,sammuu
231. Bashuu[]=adurree
232. Jaldeessa[]=bushaayaa
233. Jeedala[]=qaroo
234. Ijaajjuu[]=dhaabbachuu
235. Dhabaa/duu[]=nama finna hin qabne
236. Sarmuu[]=tole jechuu
237. Geegawoo[]=kennaa[loon,meeshaa]intala heerumtuuf kennamu
238. Meeshaa[]=mi’a
239. Ladda[]=cinaa,maddii
240. Funyaan bira[]=dhiyoo
241. Tokkummaa[]=gamtaa
242. Ashuu[]=busheessuu
243. Akkeessuu[]=fakkeessuu
244. Saalfachuu[]=qaana’uu
245. Geeddarame[]=jijjiirame
246. Miidhaa[]=hubaatii
247. Dhiiga[]=fira
248. Kottee[]=miila,luka
249. Miiltoo[]=kan waliin deeman
250. Caariggii[]=maxinoo
251. Hulee[]=iddoo,bakka
252. Dhayuu[]=rukutuu
253. Mushuunshuu[]=qimmiiduu,qummuushuu
254. Leexaa[]=farda kooraa malee
255. Soquu[]=barbaaduu
256. Beela’uu[]=nyaata barbaaduu
257. Dheebochuu[]=bishaan barbaaduu
258. Hoongee[]=hanqinna roobaa
259. Dullacha[]=horii umrii hedduu
260. Tooftaa[]=mala,furmaata
261. Eeguu[]=tiksuu
262. Kaamettii[]=harka toleettii
263. Edana[]=halkan har’aa
264. Eda[]=halkan darbe
265. Dubbachuu[]=haasa’uu
266. Hurgufuu[]=afarsuu
267. Qaalluu[]=raagduu
268. Oo’ituu[]=aannan amma elmame
269. Kaawwachuu[]=godhachuu
270. Qusachuu[]=olkaawwachuu
271. Lammii[]=jiraataa biyya tokkoo
272. Ijoo[]=mataa dubbii
273. Herreeguu[]=shallaguu
274. Hiriyyaa[]=daraboo
275. Saayiba[]=goshoo
276. Furdaa[]=yabbuu
277. Qalloo[]=haphii
278. Yaayyi’uu[]=namarraa adda baasuu
279. Jilba[]=seera dubbii
280. Dabeessa[]=sodaataa,albaadhessa,lugna
281. Jigii[]=daboo
282. Haruu[]=haxaawuu
283. Hoxxee[]=mana
284. Ona[]=mana namni keessa hin jirre
285. Qoxxee[]=falmii,morka
286. Hojii[]=dalagaa
287. Maruu[]=dachaasuu
288. Dhiisuu[]=lakkisuu
289. Lakkaa’uu[]=safaruu
290. Tamboo[]=kolaa
291. Muxuruu[]=buqushaa
292. Battala[]=tafa
293. hudduu[]=munnee
294. Ofjajuu[]=boonuu
295. Sabrii[]=obsa
296. WAAQA[]=RABBI,GOOFTAA,
297. Bilbila[]=moobaayilii
298. Qo’achuu[]=qayyabachuu
299. Aanaa[]=maqaa namaa,kan gandoota irraa ijaaramu
300. Nashaaxuu[]=gammaduu
301. Waliin[]=gamtaan
302. Qaawa[]=uraa
303. Harganuu[]=afuura dafanii baafachuu
304. Deeggaruu[]=gargaaruu
305. Bicuu[]=xinoo,muraasa,hagoo
306. Wayyaba[]=baayyee
307. Hogganaa[]=gaggeessaa
308. Fiffiiguu[]=asiifi achi kaachuu
309. Ceeggifachuu[]=tuffachuu
310. Maalaluu[]=ajaa’ibsiifachuu
311. Hordofuu[]=faana bu’uu
312. Sassaabuu[]=walitti dachaasuu
313. Bargaanfachuu[]=luka lamaan addaan banuu
314. Suulaa[]=qorra
315. Bututtuu[]=uffata dhumataa
316. Muruu[]=kutuu
317. Jalqabuu[]=eegaluu
318. Ga’uumsa[]=xumura
319. Muguu[]=rafuu
320. Hororaa[]=kan sirritti hin daakkamne
321. Hoffaa[]=salphaa,kan hi n ulfaanne
322. Salphaa[]=laayyoo
323. Hajaa[]=dhimma
324. Quuncee[]=kutaa mukaa gara alaatti argamu
325. Michuu[]=jaalallee
326. Fokkisaa[]=bushaayaa
327. Himuu[]=odeessaa
328. Hasaasuu[]=sagalee gad qabanii dubbachuu
329. Korooxuu[]=sagalee namni rafu dhageessisu
330. Misuu[]=qanani’uu,gabbachuu
331. Tiriika[]=baatirii
332. Maandhaa[]=booddee
333. Quxisuu[]=booddee kan dhalate
334. Akeekkachiisuu[]=qajeelfama itti kennuu
335. Akeekuu[]=agarsiisuu
336. Sarduu[]=jarjarsuu
337. Sarbuu[]=daangaa darbuu
338. Diinagdee]=qabeenya
339. Bokkaa[]=rooba
340. Akaayii[]=qorsoo
341. Qorsa[]=dawaa,qoricha
342. Sadaqaa[]=kennaa tolaa
343. Reefuu[]=amma
344. Shameessa[]=dhadhaa ture
345. Addaannuu[]=dhadhaa urgeessituu hin qabne
346. Walitti bu’uu[]=wal rukutuu,wal dhabuu
347. Ameessa[]=sa’a dhaltii
348. Makkaa’uu[]=mijatuu
349. Makkoo[]=rakkoo
350. Maarekkoo[]=bobbaa loonii
351. Lamuu[]=booda
352. Boru[]=guyyaa har’atti aanu,fuuldura
353. Kaleessa[]=guyya har’a duraa
354. Aduu[]=biiftuu
355. Biifuu[]=tamsaasuu
356. Murquu[]=quba,baayyee gabaabaa
357. Homaa homa[]=waan baayyee
358. Kaluu[]=dhiyoo
359. Namtolchee[]=kan namni tolche
360. Barfachuu[]=yeroo dabarsuu
361. Lassanamaa[]=cululuqaa,kan hin quuqne
362. Kurree[]=qadaada
363. Marquu[]=walitti makuu
364. Bulchaa[]=qajeelchaa
365. Kolba[]=sirrii
366. Goota[]=kan hin sodaanne
367. Harquu[]=burquu
368. Burqaa[]=madda
369. Yaa’uu[]=lola’uu
370. Hariiroo[]=walitti dhufeenya
371. Sakaaluu[]=deemuu dhoorkuu
372. Ashu[]=baga
373. Miilsoboo[]=miilasobaa
374. Bokokuu[]=xillifamuu
375. Caama[]=xiyya ifa aduu,yeroo roobni hin jirre
376. Jaatanaa’uu[]=mala dhabuu
377. Cimaa[]=jabaa
378. Sadarkaa[]=gita
379. Dhasgaa[]=kattaa
380. Aamolee[]=sooqidda,ashaboo
381. Deega[]=hiyyummaa
382. Dambii[]=seera ittiin bulmaataa
383. Boohartii[]=bashannana
384. Booroo[]=man duuba
385. Afoo[]=fuuldura
386. Sanyoo[]=niitii nama biraa waliin dhoksaan jiraachuu
387. Dhokataa[]=kan hin mul ‘anne
388. Gaamareessa[]=bilchaataa
389. Laaluu[]=daawwachuu
390. Malaa[]=dhangala’oo halluu keelloo qabu kan madaa keessaa ba’u
391. Qeenxee[]=baaltokkee
392. Taftaf jechuu[]=waa fuudhuuf asiifi achi yaaluu/jechuu
393. Shaakallii[]=yaalii
394. Gamana[]=garana,asi
395. Achi[]=garas,gamas
396. Ana[]=mataa koo
397. Dhibee[]=dhukkuba
398. Dhibuu[]=rakkisuu
399. Dhiibbaa[]=hacuuccaa
400. Harkisuu[]=ofitti siksuu
401. Dhiibuu[]=ofirraa siksuu
402. Siqsuu[]=bakkaa kaasuu,jijjiiruu
403. Tartiiba[]=walduraa duuba
404. Ofiin hiikkamuu[]=irraa bahuu
405. Dahuu[]=hiikkamuu
406. Kaffaltii[]=miindaa
407. Miira[]=waan namatti dhagahame
408. Soorata[]=nyaata
409. Lukkuu[]=handaaqqoo
410. Fayyaalessa[]=kan fayyaa qabu,kazoo,kan hin didne
411. Yaabuu[]=yaabbachuu,koru
412. Kowee[]=qola boqqolloo
413. Ija[]=agartuu
414. Malaan[]=tilmaamaan
415. Qoruu[]=madaaluu
416. Ajandaa[]=dhimma mariin irratti gaggeeffamu
417. Shifaa[]=baala mukaa
418. Qilee[]=hallayyaa
419. Tabba[]=gaara
420. Daldala[]=adeemsa bittaa figurgurtaa
421. Faayidaa[]=bu’aa
422. Reeffa[]=nama du’e
423. Citaa[]=gosa margaa mana gubbaa afamu
424. Labbaa[]=gaara jala
425. Labooba[]=arraba ibiddaa
426. Jinfuu[]=sibiila muka soomayyuu ebootitti godhamu
427. Gamna[]=abshaala
428. Irraanfachuu[]=dagachuu
429. Xurii[]=kan qulqulluu hin taane
430. Waaltawaa[]=kan itti walii galame
431. Daaquu[]= reeqqisuu
432. Hiree[]=carraa
433. Dhama’aa[]=jaanja’aa
434. Dabaa[]= jallataa
435. Se’e[]= itti fakkaate, bil’ate
436. Mil’achuu[]=itti gara ilaaluu
437. Lufe[]=darbe
438. Hanqate[]=hafe
439. Hulluulle[]=waraane
440. Wadaroo[]=haada
441. Dhugaa[]=haqa
442. Midhaagsuu[]=tolchuu
443. Barbadeessuu[]=dhabamsiisuu
444. Haquu[]=balleessuu
445. Tarsa’uu[]=baqaquu
446. Gadaa[]=bara
447. Beekumsa[]=dandeettii
448. Odoo[]=osoo
449. Hiluu[=dhiisuu
450. Dhiifama gochuu[]=irra darbuu
451. Himimsuu[]=sagalee kotte duudaa
452. Harmeee[]=haadha ofii,deessee
453. Baatii[]=ji’a
454. Yeroo[]=wayitii
455. Ciqilee[]=walakkaa harkaa
456. Akaakuu[]=gosa
457. Dame[]=birkii
458. Daandii[]=karaa
459. Hobba’uu[]=ofkaluu
460. Torbaan []=guyyaa 7
461. Moggaasa[]=maqaa
462. Ganyaa[]=farda dhalaa,
463. Lafa[]=dachee
464. Fixeensa[]=argamee kan dhabamu
465. Martii[]=yuuba
466. Gabaasuu[]=beeksisuu
467. Aadaa[]=bartee
468. Biikii[]=afaan simbirroo
469. Koola []=baallee
470. Baallii[]=aangoo
471. Humnaan[]=boortaadhaan
472. Gufuu[]=kutaa mukaa muranii gara lafatti hafu
473. Diingatee[]=rakkoo yeroo dheeraaf nyaata dhabuun dhufu
474. Keelloo[]=boora
475. Fiixaa[]=sanyii
476. Mi’eeffachuu[]= faayidaa waan tokkoo barachuu
477. Gabataa[]=nyaata eegala ykn jala bultii soomaatiif nyaattamu
478. Sooram bahuu[]=hojjataan tokko umrii hojiisaa yeroo xumuru
479. Xuuree[]=maaseta
480. Ijibbaata[]= carraa dhumaa
481. Hanbaxoo[]=dhuma
482. Waaqeffac huu[]=waaqa kadhachuu
483. Mallattoo[]=bakka bu’aa
484. Dhaha[]=raaga
485. Taappeellaa[]=barjaajii
486. Suuqii[]=dukkaanaa
487. Qaruu[]=xiluu
488. Rifeensa[]=dabbasaa,sijjaa
489. Qicciiccaa[]=dabbasaa jabaataa
490. Luuccaa[]=dabbasaa[]=laafaa
491. Goha[]=owwaattuu
492. Dorrobe[]=dhala gahe
493. Sektara[]=dirroojii
494. Areera[]=aannan raafame
495. Buruquu[]=macalaquu
496. Baraaruu[]=oolchuu
497. Balali’uu[=samii keessa kaachuu
498. Hayyisuu[]=dhoorkuu
499. Ceehuu[]=darbuu
500. Caccabaa[]=bututaa
501. Daddarbuu[]=tamsa’uu
502. Diina[]=alagaa
503. Erbee[]=itillee
504. Eeruu[]=himuu
505. Ergaa[]=dhaamsa
506. 2Caqasuu[]=dhageeffachuu
507. Hubachuu[]=xiinxalluu,xiyyeeffachuu
508. Nafa[=qaama
509. Suga[]=quufa
510. Taruu[]=caaluu,darbuu
511. Gaadi’uu[]=sakaaluu
512. Gu’uu[]=aannan fixachuu
513. Gartuu[]=garee
514. Amrii ta’uu[]=du’uu
515. Maaxarii[]=horii waan hunda nyaatu
516. Suuta jechuu[]=shilla jechuu,hirri’uu
517. Suuraa[]=fakii
518. Teessoo[]=araddaa,qe’ee,iddoo jireenyaa
519. Dacha[]=dirribii
520. Ka’ima[]=dargaggeessa
521. Jaarsa[]=manguddoo
522. Okata[]=bobaa
523. Uwwisuu[]=aguuguu
524. Bulloo[]=baayyee adii
525. Madaquu[]=itti michoomuu
526. Arjaa[]=nama namaa waa kennuu jaalatu
527. Dondha[]=kan namaa waa kenuu hin jaalanne
528. Ulachuu[]=fuunfachuu
529. Foolii[]=afuura
530. Afuuraa[]=aafawaa
531. Maxxanuu[]=itti qabachuu
532. Maxxantuu[]=hirkattuu
533. Mi’aawaa[]=dhandhama toleessa
534. Miliquu[]=meelachuu
535. Meeti[]=eessa
536. Meeqa[]=hammam
537. Hanga[]=hamma
538. Gumee[]=duraa duuba yaadaa
539. Gadoo[]=nama walitti aaree wal hin dubbifne
540. Kittaanuu[]=gadoomsuu
541. Moorgaa[]=kaartileejii
542. Ciree[]=nyaata ganmaa
543. Irbaata[]=nyaata galgalaa
544. Laaqana[]=nyaata guyyaa
545. Gantuu[]=kan hin amanamne
546. Loogii[]=firaan hojjachuu
547. Malaammaltummaa[]=faaayidaa seeraan alaa argachuu
548. Shakkuu[]=mamuu
549. Waamuu[]=affeeruu,simachuu
550. Gikkisuu[]=tuqee deebi’uu
551. Kaaakkisuu[]=sagalee kak kak jedhu kan allaattii
552. Maa’ela[]=ilkaan tokko kan biroo jalaan marguu
553. Afuu[]=badhisuu
554. Arreedaa[]=farda cimaa
555. Ardii[]=qaama dachee biyyoota hedduu qabu
556. Arma []=asi, bakka kana
557. Haftuu[]=geettuu
558. Guntuta[]=harma durbaa
559. Durba[]=tan hin heerumne
560. Suubboo[]=kan fuudhee baase
561. Baruu[]=beekuu
562. Waakkachuu[]= ani hin goone,hin jenne jedhanii mormuu
563. Waarii[]=halkan walakkaa
564. Jidduu[]=walakkaa
565. Tibbana[]=jidduu kana
566. Injiijjii[]=gosa injiraanii xixiqqoo bifaan adii
567. Bikkuu[]=madaaluu
568. Guurii[]=xurii gurraa
569. Cimmaa[]=xurii ijaa
570. Cimmisuu]=kuusuu
571. Milkii[]=buna duraa
572. Karra[]= fulee
573. Qoodataa[]= hirmaataa
574. Hiruu[]=qooduu
575. Cillaanqoodugda dabaa
576. Osolee[]=tukushee
577. Roorrisuu[]=waan abbaa qabu irratti abbaa ta’uu
578. Daa’aa[]=walitti makama loon hedduu
579. Maxaanaa[]=farda hin fiigne
580. Saggaarii[]=gaangee cimaa
581. Ogeessa[]=kan ogummaa qabu
582. Duwwaa[]=kan homaa hin qabne
583. Cooruu[]=baacuu
584. Calasaa[]=galgala
585. Doomaa[]=kan qara hin qabne,tungulaa
586. Doofaa[]=wallaalaa
587. Calaluu[]=dhimbiibuu
588. Orraa[]=guyyaa
589. Eegee[]=duuba,duukaa
590. Tuuluu[]=walitti qabuu
591. Silga[]=aannan yeroo jalqaba horiin dhalu elmamu
592. Lixa[]=dhiya
593. Haala[]=akkaataa
594. Waraabessa[]=hobolaa
595. Heera[]=seera olaanaa
596. Ibsuu[]=addeessuu
597. Bayaanfachuu[]=addaan baafachuu
598. Dafqa[]=fuuraa
599. Ifaajee[]=dadhabbii
600. Qaaquu[]=dubbachuu
601. Harree[]=humaaraa
602. Re’ee[]=bushaayee
603. Riguu[]=quuncisuu
604. Jibbuu[]=balfuu
605. Tasa[]=osoo itti hin yaadamne
606. Ga’uu[]=dhiyaachuu
607. Dhaadhessuu[]=beeksisuu
608. Lammata[]=ammallee
609. Eger[]=booddee
610. Kan bara baraa[]=waan hin dulloomne
611. Walitti qabuu[]=walitti sassaabuu
612. Dharra’uu[]=fedhii olaanaa qabaachuu
613. Durgoo[]=olmaayaa
614. Hawachuu[]=ofitti harkisuu
615. Guututti[]=hundumaa
616. Rasaasa[]=meeshaa waraanaa
617. Oota[]=daataa
618. Eenyuuyyuu[]=namni kamiiyyuu
619. Shariika[]=michuu
620. Abbaa taayitaa[]=abbaa aangoo
621. Hammeenya[]=gara jabummaa
622. Haleeluu[]=humnaan dhahuu
623. Baachuu[]=danda’uu
624. Ceemphuu[]=ifachuu
625. Lakkuu[]=daa’imman haadha tokko irraa yeroo tokko dhalatan
626. Mudaa[]=hanqinna
627. Ija liphsachuu[]=ija bananii walitti cufachuu
628. Dhiiga uffachuu[]=dhiigaan faalamuu
629. Ilillii[]=daraaraa,abaaboo
630. Kitaaba[]=barruu
631. Rifachiisuu[]=tasa dammaqsuu
632. Soddaa[]=obboleessa niitii
633. Tukaana[]=geergoo
634. Bokokaa[]=dhifamaa,dhiita’aa,afuufamaa
635. Labuu[]=qilee keessa deemuu
636. Bu’aa ba’ii[]=gooddaa dhooqa
637. Nadoo[]=midhaan xixiqqoo walitti tuulame
638. Dandeettii[]=ga’uumsa
639. Cawwee[]=kaansarii
640. Kolaasuu[]=sangoomuu,tumuu
641. Qululluu[]=waan gaafa hin qabne
642. Ramaddii[]=gita
643. Waaltessuu[]=adunyawaa gochuu
644. Wirtuu[]=jidduu,walakkaa
645. Amansiisaa[]=kan shakkii hin qabne
646. Bo’oo[]=boolla dhiphoo
647. Kasala[]=cilee
648. Arjummaa[]=raammata
649. Sakatta’uu[]=qorachuu
650. Korboo[]=geengoo
651. Waaccuu[]=baayyee diimaa
652. Ifa gochuu[]=ibsuu
653. Harka qabuu[]=gargaaruu
654. Faara[]=suphee
655. Falaxuu[]=adda baasuu
656. Baqaqaa[]=dhoo’aa
657. Arraabbii[]=bararii
658. Yaaddoo[]=naasuu guddaa
659. Wal arguu[]=wal qunnamuu
660. Wal fakkaachuu[]=wal gituu
661. Deeggaruu[]=utubuu
662. Uwwisuu[]=haguuguu
663. Hurraa’uu[]=burkutaa’uu
664. Daa’imuu[]=shunququu
665. Ajiifachuu[]=qeequu
666. Alalaasuu[]=weeddisuu
667. Qaxxaamuruu[]=ce’uu
668. Horii[]=maallaqa
669. Hagasmara[]=hagas hunda
670. Harka fuudhuu[]=dubbisuu,naga gaafachuu
671. Cocorree[]=buburrataa
672. Gurraachessuu[]=dukkaneessuu
673. Salphinna[]=kufaatii
674. Caccabaa[]=jijjigaa
675. Kutataa[]=abdi qabeessa
676. Ifa[]=kan hin shakkisiisne
677. Maqaa balleessuu[]=maqaa xureessuu
678. Bilisa ba’uu[]=fayyuu
679. Diiguu[]=jigsuu,barbadeessuu
680. Mormuu[]=fudhachuu dhabuu
681. Mormuu[]=balaaleffachuu
682. Kan abdatamu[]=amanuun kan danda’amu
683. Abdii kutuu[]=abdii dhabuu
684. Seexaa[]=booree
685. Looga[]=cabaqa
686. Gatii cabsuu[]=gatii xinneessuu/gad buusuu
687. Ko’oomuu[]=rakkachuu
688. Daakuu[]=bulleessuu
689. Banamuu[]=addaan bal’achuu
690. Battalumatti[]=yeroosumatti
691. Dhangalaasuu[]=lafarra yaa’uu
692. Kan adda cite []=walitti fufiinsa kan hin qabne
693. Salphoo[]=kan ulfinna hin beekne
694. Hiikuu[]=addaan baasuu
695. Miciccooramuu[]=ajaja fudhachuuf fedhii dhabuu
696. Komachuu[]=itti mufachuu
697. Unkuruu[]=waliin dhahuu
698. Bituu[]=too’annaa jala galchuu
699. Dacha[]=si’a lama
700. Harca’uu[]=bututanii kufuu
701. Tibba[]=yeroo
702. Gurra[]=dhageessuu
703. Salphisuu[]=laaffisuu
704. Raamuu[]=nyaachuu
705. Ofittoo[]=anumee
706. Saamsuu[]=gooduu
707. Adiyyoo[]=duwwaa
708. Dandeessisuu[]=humneessuu
709. Yaalii[]=carraaqqii
710. Gammachuu[]=boohartii
711. Guddisuu[]=bal’isuu
712. Liqimsuu[]=itti marsuu
713. Imaanaa[]=yaboo
714. Inaaftuu[]=waanyituu
715. Kokkee[]=liqimsituu
716. Dhaabuu[]=hundeessuu,bu’ureessuu
717. Ijoo dubbii[]=qabxii bu’uraa
718. Laaxxabbaa[]=kan garaan walitti cabe
719. Ijibbaata[]=carraa dhumaa
720. Hiixuu[]=fagoo
721. Qonnaan bulaa[]=qonnaan jiraataa
722. Suphuu[]=walitti qabsiisuu
723. Susukkuumuu[]=suuta qaqqabachuu
724. Gowwaa[]=jiidhaa
725. Ergasii[]=yeroo sanaa asitti
726. Soda malee []=ifatti
727. Yeroo baayyee[]=irra deddeebi’ee
728. Fudura[]=ija mukaa
729. Dheessuu[]=baqachuu
730. Dhullee[]=dhimbiibduu
731. Uluu[]=qoraasuu
732. Ukuu[]=ukkaamsuu
733. Garmaamuu[]=gulufuu
734. Durana[]=fuuldura,yeroo dhufu
735. Bareechuu[]=midhaagsuu
736. Arganuu[]=amma amma afuura baafachuu
737. Koorniyaa[]=saala
738. Jibsoo[=hiika jechootaa kan dhuma kitaabaa irratti barraa’u
739. Albaadhessa[]=nyaata baayyee nyaachuu
740. Ayyaantuu[]=gaarii
741. Jifaachuu[]=gaafaan waraanuu
742. Ginnoo[]=gombisaa gootaraa
743. Akaakayyuu[]=abbaa abbaa/haadhaa
744. Akkawoo[=haadha abbaa/haadhaa
745. Cuqqaaluu[]=afaan ykn qaawa cufuu
746. Ambuuquu[]=dhudha’uu
747. Idilee[]=kan barame
748. Cicciruuu[]=kukkutuu
749. Goofadana[]=gosa adurree kan ala galu
750. Fuuloo[]=faxoorroo
751. Furshuu[]=midhaan butuchuu
752. Butuchuu[]=garmalee tumuu
753. Wantaa[]=qarxii 40
754. Jaarraa[]=waggaa 100
755. Suukaneessaa[]=yaaddessaa
756. Kassabuu[]=sassaabuu
757. Koochoo[]=baallee,koola,dabaree
758. Balfuu[]=jibbuu,shakkuu
759. Sakaaluu[]=gaadi’uu
760. Walfakkaataa[]=gosa tokko
761. Ala gala[]=kashalabbee
762. Kottee[]=buudaa
763. Abdi maleessa[]=abdii kan hin qabne
764. Walitti fufaa[]=kan addaan hin cinne
765. Osoo dubbannuu[]=akka tasaa
766. Duufuu[]=jallachuu
767. Talaallii[]=yaala/qoricha dhibeen dura kennamu
768. Tajaajila maleessa[]=faayidaa kan hin qabne
769. Liixxoo[]=gadi fagoo
770. Kan hin tolle[]=kan hin mijoofne
771. Lubbu maleessa[]=lubbuu kan hin qabne
772. Gursaa[]=hirriba dhabuu
773. Didaa[]=kan hin ajajamne
774. Foo’uu[]=adda qooduu
775. Uumuu[]=kan hin jirre tolchuu
776. Tasa[]=osoo itti hin yaadamin
777. Eddoola[]=cittuu
778. Jallisuu[]=dabsuu/maqsuu
779. Butuu[]=ukkaamsanii fuudhanii deemuu
780. Qarbata[]=qalqala/garaa guddaa
781. Hambaa[]=harcee/haftee
782. Qubee[]=arfii
783. Irkachuu[]=ciisuu
784. Mootii[]=GOOFTAA
785. Urursuu[]=callisiisuu
786. Harka caalu []=irra jireessa
787. Gifira[]=shiftoo
788. Kiyya[]=kan koo
789. Dogoggora[=badii/balleessaa
790. Gufufa[]=gadda nama du’eef godhamu
791. Luqquumuu[]=raamuu
792. Joonjessuu[]=waliin dhahuu
793. Banaa[]=saaqamaa
794. Lafito[]=guyyaa gabaan hin jirre
795. Luffee[]=kan boca killee fakkaatu qabu
796. Mataa koo[]=dhuunfaa koo
797. Karoora[]=akeeka
798. Walaleessaa/waloo[]=nama walaloo barreessu
799. Ijjannoo[]=ilaalcha
800. Qabatamaan[]=hojii dhaan
801. Qophaa’aa[=qixxaa’aa
802. Cuunfuu[]=humnaan walitti dhiibuu
803. Doofaa[]=kan qaroomaan duubatti hafe
804. Dhoowwamaa[]=ittifamaa
805. Ahaadii[]=waadaa
806. Battalumatti[]=osoo hin turin
807. Utubaa[]=hirkoo
808. Badhaadhummaa[]=qannoo
809. Eegduu[]=ittistuu
810. Qoxxee[]=beekaa waan nama aarsu hojjachuu
811. Xiin sammuu[]=yaadas qalbii
812. Beeksisuu[]=odeeffannoo kennuu
813. Beenaa[]=ka’aa ni deemnaa
814. Battallee[]=qormaata
815. Cunqursaa[]=gadi qabaa
816. Soofamaa[]=tolfamaa
817. Bayyanachiisuu[]=waan miidhame deebisanii lubbuu itti horuu
818. Solloqqee[]=qola mukaa/quuncee keessaa kan ba’u
819. Jooruu[]=labuu
820. Jijjigaa[]=diddiigamaa
821. Huufuu[]=duguuguu
822. Fottoquu[]=addaan ba’uu
823. Aarsaa of gochuu[]=dabarsanii of kennuu
824. Gaachana[]=wantaa
825. Dabaa[]=jallaa
826. Walitti bu’iinsa[]= tima
827. Dhuubuu[]=bishaan keessa lixxisiisuu
828. Kuufamaa[]=tuulamaa
829. Dambii[]=fooqii
830. Bubbee[]=qilleensa
831. Hallayyaa[]=qilee liixxaa
832. Doloondhoo[]=qilee dhiyoo
833. Garba[]=bishaan ciisaa bal’inna qabu
834. Laga[]=bishaan lola’u
835. Dirsaa[]=rooba cimaa
836. Goodda[]=baddaa/lafa olka’aa
837. Dhooqa[]=lafa gadi bu’aa
838. Gammoojjii[]=naannoo hoo’aa
839. Mana[]=galma/keenyatti
840. Dalla[]=kaloo
841. Oowwaa[]=hagicha
842. Xaroo[]=jalqaba ginnoo manaa
843. Wixinee[]=ka’uumsa,jalqba,bu’ura
844. Sookee[]=lukkuu goromtii
845. Soorgoo[]=dhoksaa kan hin taane
846. Sookoo[]=dhoksaa
847. Teessuma[]=battala,tafa
848. Moluu[]=mataa rifeensi irraa quunca’e
849. Haaduu[]=mucuceessuu
850. Fixuu[]=bakkaa dhabamsiisuu
851. Karaa bicha[]=gaala kormaa
852. Gaalattii[]=gaala dhalaa
853. Moora[]=cooma
854. Foon []=haara
855. Didhuu[]=waan saani dhale buusu
856. Coofiraa[]=waan kotte duudaan dhale buusu
857. Daakuu[]=harcee
858. Garaa[]=quchuma,obboleewwan haadha tokkoo
859. Tokko[]=qeenxee
860. Qaana’uu[]=saalfachuu,salphachuu
861. Lafa qalii[]=maggoraa
862. Dhabamsiisuu[]=haquu
863. Hin seene[]=natti hin fakkaanne
864. Riguu[]=quuncisuu
865. Gabaabsuu[]=kutuu
866. Diiguuu[]=bittinneessuu
867. Biyya alaa[]=biyya ormaa
868. Xuuxuu[]=harkisuu
869. Milkaa’uu[]=argachuu
870. Rukkisuu[]=baayyisuu
871. Gocha[]=hojimaata
872. Si’aawaa[]=hisataa
873. Gahaa[]=quubsaa
874. Sirreessuu[]=tolchuu
875. Leellifamaa[]=jaalala guddaa
876. Leellisuu[]=faarsuu
877. Gara fuulduraa[]=gara afoo
878. Ammajaajjii[]=xiqqoo
879. Dhaadhessa[]=beeksisa
880. Wacaqa[]=baayyee danuu
881. Argachuu[]=gonfachuu
882. Halalee[]=ejjituu,marmaartuu
883. Daati[]=obbaatii
884. Bikkuu[]=aggaamuu
885. Saba[]=ummata
886. Gaggeeffamuu[]=adeemsifamuu
887. Qoollifachuu[]=duubatti jechuu
888. Qooqa[]=afaan
889. Maquu[]=fagaachuu
890. Naamusa[]=taasgabbii
891. Hawwii[]=fedhii
892. Keessummeessuu[]=affeeruu
893. Galmeessuu[]=barreessuu
894. Qullaa[]=duwwaa
895. Callee[]=jomoree
896. Dhahuu[]=reebuu
897. Moo’uu[]=injifachuu
898. Mixii[]=goondaa
899. Loosaa[]=danqaraa
900. Daangaa[]=qarqara
901. Itti gaafatamaa[]=hogganaa,bulchaa
902. Cabsuu[]=addaan kutuu
903. Ashitee[]=idaayyaa,misirrittii
904. Ashoo[]=kan fuudhu
905. Illeettii[]=illeensa
906. Dhadhaa[]=suukii
907. Reeffa[]=ekeraa
908. Mandhee[]=haadhaa
909. Jabbii[]=emmoo
910. Ulee[]=dhadhaabbata
911. Of eeggannoon[]=tooftaan
912. Ramaddii[]=gita
913. Buuqqataa[]=gosa raammoo lafarra loo’u
914. Ibbiqii[]=barsii
915. Boqoo[]=mallaa
916. Laphee[]=qoma
917. Moose[]=dinnichaa
918. Fayyaa[]=faara
919. Ifatti[]=fuulletti
920. Abiddee[]=kormee
921. Duumessa[]=hurrii
922. Leenjisuu[]=barsiisuu
923. Kintiruu[]=itituu
924. Qindoomina[]=gamtaa
925. Sokkiyyaa[]=lukkuu kormaa
926. Buna[]=qaawaa
927. Qufaa[]=utaalloo
928. Qofaa[]=adda
929. Daraboo[]=hiriyyaa
930. Guuruu[]=walitti qabuu
931. Faaqqee[]=filaa
932. Miiltoo[]=waahela
933. Goolabuu[]=guduunfuu,xu muruu
934. Waldhabbii[]=wal diddaa
935. Kunuunsa[]=eeggumsa
936. faaluu[]=summeessuu
937. affeeluu[]=bilcheessuu
938. ceepha’uu[]=qeeqannoo
939. dabaa[]=micciiramaa
940. caccabsuu[]=unkuruu,bulleessuu
941. gara jabeessa[]=hamaa
942. guyyuu[]=guyyaa mara
943. shubbisuu[]=sirbuu
944. intala[]=mucayyoo durbaa
945. adoodaa[]=fajajaa
946. hir’isuu[]=xiqqeessuu
947. jaarsa[]=dullacha
948. xiillaa[]=liixxaa[bishaan garbaatiif]
949. seexana[]=jinni
950. fagoo[]=hiixuu
951. abbaa irree[]=abbaa humnaa
952. jibbuu[]=balfuu
953. xalaaguu[]=wal hiikuu
954. baalchaa[]=gargaaraa
955. mujujaa[]=rincicaa
956. lixxe[]=deemte,kutte,sokkite
957. carraaquu[]=yaaluu
958. wal gitaa[]=wal madaalaa
959. jajuu[]=leellisuu
960. aaqila[]=beekaa
961. badii[]=balleessaa
962. labooba []=arraba ibiddaa
963. diriiraa[]=baxxee
964. galoo[]=lolaa
965. rifachiisaa[]=sodaachisaa
966. burraaquu[]=gammaduu
967. qoosaa[]=tapha
968. gulana[]=fuuldura
969. argachuu[]=buufachuu
970. karra[]=cufantaa
971. sabbata[]=saqqii
972. goshoo[]=jaalallee
973. hawwataa[]=bareedaa
974. laachuu[]=kennuu
975. kan gadde []=kan itti hin tolle
976. kuukkuu[]=ucuba
977. hamii[]=jette jettee
978. ususuu[]=gungumuu
979. gombisaa[]=ginnoo
980. suuta[]=dhawaata
981. dondha []=sassataa
982. dubbisuu[]=qaaqsuu
983. gartuu[]=garee,tuuta
984. guddachuu[]=biqiluu
985. gadoo[]=haaloo
986. waardiyyaa[]=eegduu
987. shakkamaa[]=yakkamaa
988. gufachiisuu[]=danquu
989. butuchuu[]=gar malee tumuu
990. rarraasuu[]=fannisuu
991. malkaa[]=buufata galaanaa
992. dhageeffachuu[]=caqasuu
993. bantii[]=fiixxee
994. dalluu[]=goobaa
995. xannee[]=beela cimaa
996. dhiirsa[]=jaarsa,abbaa manaa
997. raatuu[]=juujuu
998. qajeelfama[]=ajaja
999. qorataa[]=abuuraa
1000. cittoo[]=hooqxoo
1001. mangaaggaa[]=a’ama
1002. qoosuu[]=baacuu
1003. iyya[]=waca
1004. bantuu[]=furtuu
1005. arjaa[]=gara laafessa
1006. walxaxaa[]=rakkisaa
1007. sadarkaa[]=gulantaa
1008. calanqeettii[]=balaqqeessa
1009. xurree[]=toora,sarara
1010. turuu[]=barfachuu,boodatti hafuu
1011. gudeelcha[]=gindii
1012. fiiguu[]=arreeduu
1013. caffaa’aa[]=dhoqonaa’aa
1014. dorgommii[]=morkii
1015. booka[]=daadhii
1016. safaruu[]=madaaluu
1017. kantiibaa[]=bulchaa magaalaa
1018. walitti dabaluu[]=walitti makuu
1019. xiqqaa[]=gad aanaa
1020. laaqqii[]=dhoqqee
1021. gadadoo[]=mankaraarsaa
1022. shakkuu[]=amanuu dhabuu
1023. wayyeessuu[]=fooyyessuu
1024. gidiraa[]=rakkoo
1025. kakaasuu[]=dammaqsuu
1026. coommee[]=horrooqqoo
1027. jinnaa’aa[]=nyaakkisaa
1028. jibbisiisaa[]=nuffisiisaa
1029. sabboonummaa[]=jaalala biyyaa qabaachuu
1030. lammummaa[]=biyyooma
1031. kaluu[]=dhiyoo
1032. Abadan[]=gonkumaa
1033. Injiijjii[]=cinii
1034. Eeruu[]=kaadhimamummaaf dhiyeessuu
1035. Homtuu[]=tokkollee
1036. Beeksisa[]=hubachiisa
1037. Yaada[]=amantii
1038. Moofaa[]=kan barri irra lufe
1039. Dhala[]=ilmoo
1040. Darbee darbee[]=si’a tokko tokko
1041. Banaa[]=saaqamaa
1042. Tartiiba[]=tarree,dabaree
1043. Dhaabbata[]=jaarmiyaa
1044. Yatiima[]=ijoollee haadha fi abbaa hin qabne
1045. Ala[]=diida,raasaa
1046. Xumuruu[]=raawwachuu
1047. Dambali’uu[]=dhangala’uu
1048. Waliigaltee[]=waadaa,kakuu,irbuu
1049. Paartii[]=waldaa siyaasaa
1050. Darbuu[]=lufuu
1051. Lufuu[]=darbuu
1052. Tamsaasuu[]=basaasuu
1053. Tola[]=kafaltii malee,bilisa
1054. Jallisuu[]=dabsuu
1055. Ciigoo[]=dubbii dacha
1056. Taayita[]=aangoo
1057. Waaqeffachuu[]=kadhachuu
1058. Seera[]=qajeelfama
1059. Qopheessuu[]=dhiyeessuu
1060. Baasqulaa[m]=dabaaqulaa
1061. Dasee[]=bututtuu,bursa,ciccitaa
1062. Shomboqqoo[m]=leemman
1063. Irra deebi’uu[]=lammeessuu
1064. Irkoo[]=utubduu
1065. Xiinxalluu[]=irra deebi’anii laaluu
1066. Fincila[]=diddaa
1067. Dirra[]=cinaacha,toora
1068. Uruu[]=qaawwa baasuu
1069. Laga[m]=malkaa
1070. Laguu[]=jooruu
1071. Kattaa[]=dhagaa
1072. Hidda[]=hundee
1073. Qarsaa[]=dhagaa sibiila itti qaran
1074. Funyoo[]=haada
1075. Raamma’uu[]=tortoruu
1076. Bo’oo[]=toora
1077. Qoncooruu[]=shunturuu
1078. Aarsaa[]=wereegama
1079. Alalaasuu[]=weeddisuu
1080. Fuunfachuu[]=urgeeffachuu,suufuu
1081. Dibuu[]=faaluu,laaquu
1082. Dhaalaa[]=bakka bu’aa
1083. Mijaa’aa[]=tolaa
1084. Yaadda’uu[]=dhiphachuu
1085. Saamuu[]=booji’uu
1086. Sirnaan[]=seeraan
1087. Barnoota afuuraa[]=barnoota amantii
1088. Sarbaa[]=gudeeda
1089. Dagaaguu[]=badhaadhuu
1090. Nageenya[]=qabbana
1091. Faana[]=miila keessa
1092. Dalga[]=habalaka
1093. Ijjachuu[]=tarkaanfachuu
1094. Daawwannaa[]=laalcha
1095. Obsuu[]=dada’uu
1096. Hamma[]=hanga
1097. Galoo[]=lolaa xixiqqoo yaatu
1098. Naannessuu[]=micciiruu
1099. Corqaa[]=dheedhii
1100. Unkuruu[]=walitti naquu
1101. Faayidaa[]=bu’aa’dantaa
1102. Sona[]=safuu
1103. Ballaqqamuu[]=haqqisuu
1104. Caasoo[]=waldhaansoo
1105. Maraattuu[]=tuqamaa
1106. Araddaa[]=ganda
1107. Isachuu[]=si’achuu
1108. Kallacha[]=duree
1109.
1110.
1111.
1112.
1113.
1114.
1115.
1116.
1117.
1118.
1119.
1120.
1121.
1122.
1123.
1124.
1125.
1126.
1127.
1128.
1129.
1130.
1131.
1132.
1133.
1134.
1135.
1136.
1137.
1138.
1139.
1140.

You might also like